Tamsaasa Kallatti:

Vaayirasii Maarbargi To’achuuf Qindoominaan Hojjetamaa Jira

Sadaasa 03 2018(TOI)-Vaayirasii Maarbargi Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti mudate to’achuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa ibse.

Ministirri Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa haala yeroo dhimma fayyaarratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Kanuma waliin walqabatee Sadaasa 03/2018 irraa jalqabee Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaa Jiinkaatti vaayirasiin  Maarbargi mudachuu isaa dubbataniiru.

Hanga ammaatti saamuudni namoota 17 fudhatamee laabooraatoriin qoratamee namoota 3 irratti vaayirachi kan argame ta’uu eeruun, namoonni vaayirasichi irratti argames lubbuun darbuu ibsaniiru.

Namoota warreen vaayirasichi irratti argame waliin hariiroo qabu jedhamanis adda baafamanii hordoffiintaasifamaafii jiraachuu eeraniiru.

Vaayirasicha to’achuufis qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kaasuun ogeessonni vaayirasicha to’atanis gara bakkichaatti ergamuu dubbataniiru. 

Itiyoophiyaan yeroo ammaa kanatti dandeettii vayirasicha qorachuu qabaachuu himuun, vaayirasichas to’achuuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniru dooktar Maqdas Dhaabaan.

Kanaafis buufataaleen fayyaa adda baafamanii bakka tursiisaa fi iddootti namoota vayirasichaan qabaman yaalaman qophaa’uu himaniiru.

Yeroo ammaattis hojiin meeshaalee buufataalee fayyaa guutuu kan eegalame ta’uu eeranii, hojiin hubannoo uumuus hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Vaayirasichi namoota dhibee kanaan qabaman waliin wal tuttuqaa

 fi karaalee birootiin daddarbuu waan danda’uuf uummanni of eeggannoo cimsuu qabaa dhaamaniiru.

Hawaasni dhibee kana ofirraa ittisuuf harka ofii saamunaan qulqulleessuu fi qulqullina dhuunfaa cimsee eeggachuu akka qabus dubbataniiru dooktar Maqdas Dhaabaan.

Wayita kanatti namni adda baafamee iddoo adda bahinsaatti yaalamaa jiru akka hin jirre kan ibsan ministirri kun, vayirasii kana t’achuuf laaboraatooriin socho'aa gara naannoo Jinkaatti ergamuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015