Misooma Jallisii Marsaa Jalqabaan kuduraa fi midhaan hiddaa kuntaala miiliyoona 11 ol argachuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Misooma Jallisii Marsaa Jalqabaan kuduraa fi midhaan hiddaa kuntaala miiliyoona 11 ol argachuuf hojjetamaa jira
Sadaasa 8/2018(TOI) –Misooma Jallisii Marsaa 1ffaan kuduraa fi biqiloota hiddi saanii soorataman kuntaala miiliyoona 11 tuqaa142 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaa ibse.
Biirichatti Daarektarri eegumsa Hortii Kaalcharii fi misooma midhaanii Tasfaayee G/mikaa’el akka ibsanitti, Misooma Jallisii Marsaa 1ffaan lafti hektaara kuma 53 fi 16 qophaa’uu ibsuun kudaaraa fi midhaan hiddisaa nyaatamu omishni kuntaala Miiliyoona 11 fi kuma 142 fi 903 argachuuf karoorfameera.
Hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 21 fi 818 qophaa’uu ibsuun, isaan keessaa lafti hektaarri kuma 12 fi 435 midhaan kuduraa fi hiddaan facaafamuu mirkaneessaniiru.
Hojii kanarratti namoonni kuma 17 fi 302 hirmaachuusaanii TOI’f ibsaniiru.
Gama biroon bara omishichaatti lafa hektaara kuma 134 fi 763 misoomaa jiru irraa callaan kuntaalli miiliyoona 24 fi kuma 69 fi 200 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Bu’uuruma Kanaan hanga ammaatti lafa hektaara kuma 18 fi 50 ol irraa callaa kuntaala miiliyoona 4 fi kuma 142 fi 950 kuduraan walitti qabamuu danda’uu ibsaniiru.