Gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf Mootummaan Federaalaa irra deddeebiin yaalii taasisuus Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigray duraanii gufuu nutti ta’eera - ENA Afaan Oromoo
Gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf Mootummaan Federaalaa irra deddeebiin yaalii taasisuus Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigray duraanii gufuu nutti ta’eera
Sadaasa 08/2018(TOI)-Gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf Mootummaan Federaalaa irra deddeebiin yaalii taasisuus Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigray duraanii gufuu nutti ta’eera jechuun jiraattonni Shiree Indasillaasee qe’ee isaaniirraa buqqaafaman dubbatan.
Dhimma kana irratti kanaan dura ibsa kan kennan pirezdaantiin yeroo mootummaa naannoo Tigraay duraanii obbo Geetaachoo Raddaa, qaamoleen buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka hin deebineef haala jirutti fayyadamuuf hojjetan naannicha keessa akka jiran ibsuun isaanii ni yaadatama.
Galaachaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Shiree Indasillasee buqqaatota waliin turtii taasiseen, Buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka hin deebineef danqaa guddaa kan itti ta’an hoggantoota ABUT duraanii ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan Federaalaa akka qe’ee keenyatti deebinuuf irra deddeebiin yaalii taasisus akka hin milkoofneef hoggantoonni ABUT duraanii waan kuni akka hin milkoofne gochaa jiruu jedhan buqqaatonni yaada isaanii TOIf kennan.
Sababa kanaanis waggoottaniif rakkoo adda addaaf saaxilamneerra jedhan.
Waggoottan 5 dura, ijoolle isaanii 5 waliin Walqaayit irraa buqqaafamanii yeroo ammaa Shiree Indaasillaasee magaalaa Adii Kantiibaay mana barumsaa keessa buufatanii kan jiran obbo Anbassaa Barihee gara qe’ee keenyaatti deebina jennee waggootaaf abdii godhannee eegnus furmaata dhabne jechuun dubbataniiru.
Dhimma kanarratti mootummaan Federaalaa ejjannoo cimaa qabatee hojjechaa jiraachuu beeknus garuu hoggantoonni ABUT duraanii akka nuti qe’ee keenyatti hin deebine gufuu nutti ta’aniiru jedhan.
Haa ta’u malee nuti ammas abdii osoo hin kutiin eeggachaa jirra waan ta’eef mootummaan Fedraalaa gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf deeggarsa akka nuuf taasisu gaafanna jedhaniiru.
Buqqaatota biroo yaada isaanii TOIf kennan keessaa aadde Li’iltii fi Obbo Habtoom Gabra Sillaaseen waggaa shaniif qe’ee ofiirraa buqqa’anii buufata tokko keessa jiraachuun hagam ulfaataa ta’uusaa eeruun, kanaan booda gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif deeggarsi barbaachisu akka taasifamuuf gaafataniiru.
Muummeen Ministiraa Doktar Abiy Ahimad ibsa mana maree bakka bu'oota ummataaf kennan keessatti irra deddeebiin ummanni naannoo Tigraay nagaa fi misooma akka barbaadu eeruun, buqqaatonnis gara qe’ee isaaniitti deebi'uu akka qaban dubbachuun isaanii kan yaadatamudha.