Tamsaasa Kallatti:

Keessummoonni Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa kabajuuf  gara naannichaa dhaqan bakkeewwan hawata tuurizimii ni daawwatu

Sadaasa 08/2018(TOI)-Keessummoota guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa kabajuuf gara Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa dhaqan bakkeewwan hawata tuurizimii daawwachiisuuf naannichi qophii xumuruu ibse.

Guyyaan Sabootaa fi Sablammootaa naannichatti kabajamuun naannichaaf faayidaa olaanaa akka qabu, hawata turizimii uumamaa beeksisuu, bakkeewwan seena qabeessa fi aadaa beeksisuuf akka gargaaru itti aanaa hogganaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannichaa fi hogganaa damee Tuurizimii obbo Mohaammad Nuurii Saaliyaa dubbataniiru.

Kanuma waliin walqabatee bakkeewwan hawata tuurizimii ta’an adda baafamanii keessummoonni akka daawwataniif qophii gahaan taasifamuu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.

Bakkeewwan daawwannaaf adda baafaman kunneenis iddoo hambaa idil-addunyaa kan ta’e bakka awwaalchaa Xiyaa, Mana Qulqullummaa Midire Kaabed Aabboo, Godambaa Silxee, Haroo Hara Sheexan, Bishaan ho’aa Artoo, Festivaala Seeraa, Haroo Macafaraa, Sirna Lakkoofsa Loonii Waganaa, Ikoo tuurizimii  Hambaricho 777 Holqa Sodiichoo dha.

Akkasumas, Fincaa’aa Ajooraa, Jafoor, Paarkii Biyyaalessaa sulula Gibee, Fincaa’aa Birbirsaa, Onkololessa 17 iddoo funaansi qoricha aadaa itti adeemsifamu (Saamoo Eetaa), Haroo namtolchee Oomoo, Festivaala Mariishoo, Haadiraa Zabiimoollaa, Fincaa’aa Daqqanshii, sirna waldhabdee ittiin furan Raagaa Maagaa fi holqi Faaqaa kanfalchaa kanneen adda  baafamanii keessummoonni akka daawwataniif eeramanidha.

Iddoowwan keessummoonni keessa darbanii fi bulanitti nyaata aadaa fi uffata aadaa beeksisuuf xiyyeeffannoon kennamuus beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015