Kombolchaatti xiyyeeffannoon tajaajila ammayyaa fi hojii namarratti xiyyeeffateef kenname ajaa’ibsiisaadha -Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Kombolchaatti xiyyeeffannoon tajaajila ammayyaa fi hojii namarratti xiyyeeffateef kenname ajaa’ibsiisaadha -Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Sadaasa 7/2018(TOI)- Kombolchaatti xiyyeeffannoon tajaajila ammayyaa fi hojii namarratti xiyyeeffateef kenname ajaa’ibsiisaadha jedhan itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.
Har’a tajaajila dijitaalaa bulchiinsa magaalaa Kombolchaa riijoopooliitaan fi haaromsa bakka hojii ammayyaa fi hojiilee namarratti xiyyeeffatan arguusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniirratti barreeswsaniin beeksisan itti aanaan ministira muummee.
Gamoon bulchiinsa magaalaa galteewwan smaarti siitii guutuun haaromfamuu ibsaniiru.
Gamoon kun akkaataa hojmaata dijitaalaa hojiirra oolchuuf gargaaruun gurmaaa’uunsaa tajaajila ammayyeessuuf humna ta’a jedhaniiru.
Akkasumas maneen jireenyaa jiraattota harka qalleeyyii magaalichaaf ijaaramanii kennaman arguusaanii eeran itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.
Bulchiinsi magaalichaa dureeyyii fi hawaasa magaalichaa qindeessuun maneen jireenyaa sadarkaa isaanii eeggatan bilookii lama ijaarsisee harka qalleeyyii fi manguddootaaf kennuusaa ibsan.
Pirojektiin tajaajila magaalaa dijitaalaa fi hojiileen namarratti xiyyeeffatan kan magaalaa Kombolchaatti daawwanne agarsiiftuu misooma hammataa magaalota keenya keessatti hojiirra oolchaa jirruuti jechuun ibsaniiru.