Tamsaasa Kallatti:

Misoomni kooriidara baadiyyaa godina Jimmaatti haala mijataa uumaa jira

Sadaasa 7/2018(TOI)- Misoomni kooriidara baadiyyaa godina Jimmaa gandoota garagaraa keessatti hojjetaman haala mijataa uumuufiijiraattonni dubbatan.

Magaalaalee baadiyyaa 49 fi gandoota 562 Aanaalee Godinichatti argaman keessatti hojiin misooma kooriidaraa baadiyyaa xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsameera.

Hojii misooma kooriidaraa naannawasaaniitti hojjetaniin jireenyasaaniif haala mijataa uumuufii jiraattonni yaada kennaniiru.


 

Godinichatti jiraataan anaa Gommaa obbo Naajii Abdulqaadir akka jedhanitti, misoomichi jireenya loonii fi namni walkeessa jiraatan oolchuurra darbee naannoon qulqulluu akka ta’u godheera jedhan.

Daandii bal’isuun gamatti qulqulluu fi magariisa gochuun daa’imni akka garaatti akka socho’an waan godheef cimee akka itti fufu barbaanna jedhan.

Jiraataan ganda Geembee obbo Hayidar Najiib misoomni kooriidaraa baadiyyaa naannoon keenya qulqulluu akka ta’uu fi jireenyaaf haala mijataa uumuufii dubbataniiru.

Itti aanaan bulchaa godina Jimmaa obbo Yesuuf Shaaroo godinichatti hojiileen misooma kooriidaraa magaalaa fi baadiyyaa xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Jireenya hawaasa baadiyyaa ammayyeessuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Hawaasni waan kanaaf tumsa gochuu qoodasaa bahu akka qabu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015