Godina Harargee bahaatti oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf bal’inaan hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Harargee bahaatti oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf bal’inaan hojjetamaa jira
Sadaasa 7/2018(TOI)- Godina Harargee bahaatti lafa Kanaan dura qotamnee hin beekne qotuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuu bulchaan godinichaa adde Miskii Mahaammad ibsan.
Godinichatti midhaan qonna gannaan facaafamee fi yeroo ammaa walitti qabuuf qaqqabe osoo hin qisaasamne kombaayinaraan walitti qabamaa jira.
Bulchaan godinichaa adde miskii mahaammad TOI’f akka ibsanitti godinichatti lafa Kanaan dura qotamnee hin beekne qotuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira.
Godinicha aanaalee hundatti hojii hojjetameen bu’aan argamuu fi hojiin kun cimee akka itti fufu adde Miskii Mahaammad dubbataniiru.
Keessumaa godinichatti qamadii rooba gannaan kilaastaraan oomishuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuurra darbee wabii nyaataa mirkaneessuun gargaaramuu hir’isaa akka jiru dubbataniiru.
Hoogganaan waajjira qonnaa godina Harargee bahaa obbo Abdii Mahaammad gamasaaniin, godinichatti qonna gannaan lafti heektaara kuma 500 caalu qotamee facaafamuu kaasaniiru.
Godinichatti lafti heektaarri kuma 91 qonna gannaan Qamadiin facaafamee kombaaayinaraan walitti qabamaa akka jiru dubbataniiru.
Godina Harargee bahaatti bulchaan aanaa Cinaaksan obbo Musxafaa umar, aanichatti lafa heektaara kuma 34 qonna gannaan qotamee facaafame keessaa heektaarri kuma 24 kilaastaraan Qamadiin facaafamuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaan oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf Qamadii, Misingaa fi midhaan biroo bal’inaan oomishaa jiru kun cimee itti fufa jedhaniiru.
Hojii hundarratti qindoofnee Qamadiikilaastaraan misoomsineerra kan jedhan qonnaan bulaa aanaa Cinaaksan ganda waldaa qonnaan bulaa Geelaati.
Baranas caalaa waan oomishaniif oomisha eegan akka argatanii fi yeroo ammaa oomisha walitti qabaa akka jiran dubbataniiru.