Tamsaasa Kallatti:

Shoora Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinicharratti qabdu Awustiraaliyaan ni deeggarti- Ambaasaaddar Piiter Hanter

Sadaasa 7/2018(TOI)- Shoora guddaa Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinicharratti bahaa jirtu Awustiraaliyaan akka deeggartu Dr. ambaasaaddar Piiter Hanter ibsan.

Awustiraaliyaan dameelee haaraan Itiyoophiyaa waliin tumsa taasisuuf fedhii qabdi jedhaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Awustiraaliyaa Dr. Piiter Hanter Gaanfi Afriikaa riijinii qormaanni wal xaxaan keessatti mul’atudha.

Haala Kanaan Itiyoophiyaan gumaacha guddaan Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinichaatti taasisaa jirtu akka deeggartu dubbataniiru.

Tumsi gam lame Awustiraaliyaa fi Itiyoophiyaa bal’achaa akka jiru ambaasaaddar Hanter dubbataniiru.

Walitti hidhamiinsa ummattoota biyyoota lamaanii, daldalaa, Invastimmantii fi barnoota akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Awustiraaliyaan mootummaa fi ummata Itiyoophiyaa waliin hariiroo gam lamee cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Riifoormii dinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu ambaasaaddarichi jajanii riifoormichi ofitti amanamummaa dureeyyii dabaluusaa fi carraalee haaraa uumuusaa ibsaniiru.

Awustiraaliyaan tumsa  damee turizimii, albuudaa fi qonnaan Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru.

Jijjiiramuu Finfinnee akka dinqisiifatan kan dubbatan ambaasaaddarichi, kun ammo mallattoo guddina Itiyoophiyaati jedhaniiru.

Dimmoota idil addunyaan wal qabatees Awustiraaliyaan waltajjiin hariiroo heddumminaa fooyyessi akka irratti taasifamu deeggarsa barbaachisaa akka taasiftuu fi Afriikaan shoorri addunyaa irratti murtee kennuu dandeessu guddachuu akka qabu dubbataniiru.

Awustiraaliyaan nageenyaa fi misooma dabalatee tumsa Afriikaa waliin qabdu cimsuuf akka barbaaddu dabalanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015