Tamsaasa Kallatti:

Raayyaan keenya garee shororkeessaa hojii baandaa raawwaturratti tarkaanfii fudhachuun nagaa cimsaa jira-Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa

Sadaasa 6/2018(TOI)- Raayyaan keenya garee shororkeessaa hojii baandaa raawwachaa jiru hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya fulla’aa cimsaa jiraachuu ajajaan olaanaa ajaja bahaa Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa ibsan.

Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa, raawwii  koorii goojjam kaabaa fi buchiinsa sab-lammii Awwiii dirqamarra jiruu daawwataniiru.

Daawwannaan booda hooggantoota godinaa fi aanaa akkasumas hooggantoota biroo waliin mari’achuun achumaanis xumura leenjii kutaa waraanaa aanaa Achafar kaabaa magaalaa Liibanitti argamuun qajeelfama hojii fi bobbii taasisaniiru.

Letenaal jeneraalli kun wayita kana dubbii dubbataniin, raayyaan ittisaa garee finxaalessaa ergamtoota diina Itiyoophiyaa ta’uun baandummaan hiriire hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya fulla’aa cimsaa jira jedhaniiru.

Garee finxaalessaa bakkeewwan garagaraatti asii fi achi lowuun nama ukkaamsuun yakka saamichaa raawwatu raayyaan ummata waliin ta’uun hordofuun tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru kaasanii, cimee akka itti fufus mirkaneessaniiru.

Hooggansi, ummannii fihumni nageenyaa tumsaa hojii seera kabachiisuuf hojjetamaa jiru cimsanii akka itti fufan hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaa bakka hundatti nageenya cimsuu fi pirojektoota misoomaa eegalaman milkeessuun guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuun imaanaa fi itti gaafatama hunda keenyaa ta’uu qaba jedhaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa fakkeenya nageenyaa fi gootummaa ta’e kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf yoomiyyuu caalaa qophii olaanaadhaan kan argamu ta’uu Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015