Tamsaasa Kallatti:

Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaa Naannoo Afaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti eegalame

Sadaasa 06/2018(TOI)-Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaa Naannoo Afaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti eegalameera.

Sadarkaa itti aanaa ministura muummeetti hoogganaan giddu gala qindeessaa ijaarsa sirnas demokiraasii fi Pirezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah fooramicha jalqabsiisaniiru.

Fooramiin kun waltajjii magaalonni ittiin of beeksisanii fi muuxannoo qaban ittiin waljijjiiran ta’uun ibsameera.

Obbo Adam Faarah fi Pirezidaantii Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoonni olaanoon Mootummaa Federaalaa, naannolee fi qooda fudhattoonni biroon fooramicharratti hirmaachaa jiru.

Waltajjiin kun Sadaasa 6 – 10/2018 kan gaggeeffamuu yoo ta’u, magaaloonni 150 ol, dhaabbileen 10 fi magaaloonni biyyoota ollaarraa dhufan irratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015