Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina Sab-Lammii Oromoo Kamisee Daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina Sab-Lammii Oromoo Kamisee Daawwatan
Sadaasa 6/2018(TOI) - Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina sab-lammii oromoo Kamisee daawwannaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ergaa fuula midiyaa Hawaasummaa isaaniin dabarsaniin har’a ganama Naannoo Amaaraa teessoo Bulchiinsa Godina sab-lammii Oromoo kan taate Magaalaa Kamiseetti argamee ummatichaaf ergaa dabarseera jedhaniiru.
Godinaalee Naannoo Amaaraa daawwadhe keessaa hanga ammaatti godinaan hin daawwanne ta’uunsaa daawwannicha adda taassisa jechuun ibsaniiru.
Hojiin misooma kooriidaraa magaala Kamisee Jalqabbiira kan jiru ta’us hojiin daandiin lafoo fi biskileetii km.1 tuqaa 3 dheeratu hojjetame kan galateeffamudha jedhaniiru.
Hojiin misooma koriidaraa bakkeewwan oolmaa uummataa guddisuun sadarkaa hundaan Guutuu Itiyoophiyaatti hojiirra oolaa jiraachuu argisiisu jechuun eeraniiru.
Magaalittiitti hojiiwwan sagantaan maaddii guutuu bu’aa buusaa jiru Agroo Industirii Eelfooraa, waarshaa misooma qonna qindaa’aa daawwanneera jedhaniiru ergaasaaniin.