Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti hawaasni horsiisee bulaa horsiisa looniin cinatti hojii qonnaa irratti bobba’uun bu’aa qabeessa ta’aa jira - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti hawaasni horsiisee bulaa horsiisa looniin cinatti hojii qonnaa irratti bobba’uun bu’aa qabeessa ta’aa jira
Sadaasa 06/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti hawaasni horsiisee bulaan horsiisa looniin dabalatatti qonna irratti bobba’uun nyaataan of dana’aa jiraachuu biiroon Jallisii fi misooma horsiisee bulaa naannichaa ibseera.
Hogganaan Biiroo Jallisii fi Misooma horsiisee bultaa naannichaa obbo Girmaa Raggaasaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti, jireenya hawaasa horsiisee bulaa naannichaa fooyyessuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jira.
Waggoottan muraasa darbanitti, inisheetivii mootummaan naannichaa fudhateen hawaasni horsiisee bulaa horsiisa beeyladaa cinatti hojii qonnaa irratti hirmaachuudhaan jireenya isaa fooyyessaa akka jiru himaniiru.
Mootummaan jireenya hawaasa horsiisee bultootaa faayyessuuf bu’uuraalee misoomaa babal’isuun, ijaarsa hidha jallisii xixiqqaa fi giddu galeessaa hojjechuun, kunuunsaa fi eegumsa fayyaa beeyladaa eeguun, akkasumas misoomni jallisii xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Gama misooma hawaasummaatiin hojiin barnootaa fi dhaqqabummaa fayyaa bal’inaan hojjetamaa akka ture eeruun, horsiisee bultoonni hojii qonnaa ammayyaa irrattis hirmaachuu akka jalqaban eeraniiru.
Keessattuu, horsiisee bultoonni godina Booranaatti roobaa fi jallisii fayyadamuun qamadii oomishuun nyaata mataa ofiirra darbanii gabaaf dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Haaluma walfakkaatuun horsiisee bultoonni Harargee Bahaa fi Lixaa, Baalee fi naannolee gammoojjii naannichaa birootti hojii wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiru irratti hirmaachaa akka jiran eeraniiru.
Walumaagalatti, horsiisee bultoonni naannoolee gammoojjii ta’anitti hojii horsiisa beeyladaan cinatti hojii qonna ammayyaa irratti bobba’anii bu’aa gaarii agarsiisaa jiraachuu himameera.
Qonna ammayyaa boqqolloo, Xaafii, qamadii, kuduraalee fi muduraalee oomishuun hawaasni naannichaa fayyadamoo ta’aa jiru.
Jireenyi horsiisee bultootaa horsiisa beeyladaa irratti waan hundaa’eef rakkoolee mudatan, keessumaa yeroo hoongeen mudatu hir’isuuf sirni inshuraansii beeyladaa diriirfamee hojiirra ooluus ibsaniiru.
Kanaafis deeggarsa Baankii Misooma Afrikaa fi Baankii Addunyaatiin horsiisee bultoonni godinoota naannichaa 9fi aanota hunda keessatti sirna inshuraansii kanarraa fayyadamoo ta’uuf baay’ina beeyladootaa galmeessaa jiraachuu himaniiru.
Hawwsni horsiisee bulaa akka of danda’uuf aadaa qusannaa hawaasa horsiisee bultootaa guddisuuf tattaaffiin adda addaa hojjetamaa akka jiru kan agarsiisan yoo ta’u, mootummaan qooda fudhattoota waliin ta’uun hojii kana cimsuu fi dameewwan invastimantii adda addaa irratti bobba’uu akka qaban qooda fudhattoota waliin akka hojjetamu himameera.