Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin Abbummaa ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa seera itti fayyadama qabeenya bishaanii Idil-Addunyaa bu’uura kan godhatedha

Sadaasa 6/2018(TOI) - Gaaffiin Abbummaa ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa seera ittifayyadama qabeenya bishaanii Idil-Addunyaa bu’uura kan godhate ta’uu Yuunvarsiitii Aksumitti barsiisaa fi qorataan saayinsii siyaasaa fi Quunnamtii Addunyaa Kaahisaay Gabrahiywoot dubbatan.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad yeroo dhihoo Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota uummataaf ibsa kennaniin Itiyoophiyaatti ulaan Galaanaa itti cufamee jiraachuu kan hin dandeenye ta’uu fi abbaa ulaa galaanaa ta’uunshee akka hin oolle ibsuunsaanii ni yaadatama.

Gaaffiin Abbummaan ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa Riijinichatti waliin guddachuu fi fayyadamummaa waloof qooda olaanaa akka qabaatu hubachiisaniiru.

Haata’u malee Gaaffiin Abbumaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii jiraachuu ta’uu fi deebiisaaf tattaaffiin mootummaa cimee kan ittifufu ta’uu mirkaneessuun isaanii ni yaadatama.

Dhimma Kanarratti Yunvarsiitii Aksumitti Barsiisaa fi qorataan Saayinsii Siyaasaa fi Quunnamtii Addunyaa Kaahisay Gabrahiywoot TOI’f akka ibsanitti, dhimma ulaa Galaanaarratti ejjennoo fi kutannoo mootummaa raajeffachuun gaaffii deebii argachuu qabu ta’uu ibsaniiru.

Gaaffiin Abbummaa ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa madaallii kamiinuu sirrii ta’uu kaasuun sababa kan qabuu fi seera itti fayyadama qabeenya bishaanii Idil-Addunyaa bu’uura kan godhate ta’uu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaatti waggootan 30 darban ulaan galaanaa itti cufamee kan turee fi aarsaa guddaa kan ishee kaffalchiise ta’uu dubbataniiru.

Gaaffii Abbummaa Ulaa galaanaa Itiyoophiyaan Galaana diimaarratti kaastu seera qabeessa, Seenaa Qabeessa, dhugaa haala Teessuma Lafaa kan qabate ta’uusaa hubachiisaniiru.

Haata’u malee gaaffiin ulaa galaanaa deebii akka argatuuf mootummaan tattaaffii dippiloomaasii eegale cimsee itti fufuu akka qabu kaasuun hundi keenya deebiisaaf hojjechuu fi tattaafachuu qabna jechuun dubbataniiru.

Yeroo dhihoo Dippilomaatiin buleessi Ambaasaaddar Xurunaa Zeenaa turtii TOI waliin taasisaniin Bara Mootummaa Aksumii eegalee naannoo Galaana Diimaatti sochiin daldalaa nagaa qabeessa biyya taasisaa turte ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan waggoottan 30f Galaana Diimaarraa addaan cittee turuusheen nageenyi naannoon galaana diimaa mandhee shororkeessitootaa ta’eera kan jedhan ambaasaddarichi, gara bakkashee duriitti deebitee qilleensi nagaan akka qilleensa’u ta’uu qaba jedhaniiru.

Sababa Kanaan Gaaffiin Abbumaa Ulaa galaanaa Itiyoopjiyaa Ifaa fi hundinuu kan hubatu ta’uu kaasuun faayidaan abbummaa ulaa galaanaa isheef qofa osoo hin ta’iin nageenya Idil-Addunyaafillee ta’uu Ambaassaddar Xurunaa Mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015