Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu sabaa waan ta’eef milkaa’ina isaaf gahee mataa keenyaa ni baahanna- Hoggantoota paartilee siyaasaa - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu sabaa waan ta’eef milkaa’ina isaaf gahee mataa keenyaa ni baahanna- Hoggantoota paartilee siyaasaa
Sadaasa 06/2018(TOI)-Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu sabaa waan ta’eef milkaa’ina isaaf gahee mataa keenyaa ni bahanna jedhan hoggantoonni paartilee morkattoota siyaasaa.
Dhimmi mirga abbummaa gaaffii Galaana Diimaa dhimma seeraa, seenaqabeessaa, teessuma lafaa fi diinagdee ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahmad ibsuun isaanii ni yaadatama.
Hoggantoonni paartilee siyaasaa morkattoota adda addaa dhimma kana irratti turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin dhimmi mirga abbummaa ulaa galaanaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi ajandaa waloo ummata Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru.
Adeemsa kana keessatti ejjannoo cimaa mootummaan qabu kan ajaa’isifatanii fi galateeffatan ta’uu hoggantoonni kunneen ibsuun, milkaa’ina isaaf hundi keenya shoora nurraa eegamu bahachuu qabnaa jedhaniiru.
Hoggantoota paartilee siyaasaa morkattootaa keessaa dura taa'aan Sochii Bilisummaa ummata Beenishaangul Abdusalaam Shangeel akka jedhanitti, gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan dhiyeessite ulaagaa hundaan sirrii waan ta'eef deebii argachuu qaba jedhan.
Kanaafuu paariin isaaniis gaaffiin mootummaan dhiyeesse sirrii ta’uusaa itti amanuun milkaa’ina isaafis kutannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Dantaa biyyaalessaaf paartiin siyaasaa kamiyyuu waliin dhaabbachuu qaba jennee amanna jedhaniiru dura taa’aan kuni.
Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa akka deebii argatuuf harka walqabannee onnee tokkoon ni hojjennaa jedhaniiru.
Paartichis gama isaatiin gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa deebii akka argatuuf hawaasaaf hubannoon uumuun cimee akka hojjetu eeraniiru.
Pireezidaantiin Paartii Dimokraatawaa Moochaa Alamaayyoo Shaaroo gama isaaniitiin, dhimmi mirga abbummaa ulaa galaanaa yeroo ammaa ifatti kaasuun sirrii fi waktaawaa waan ta’eef kan deeggaramuu qabudha jedhaniiru.
Itiyoophiyaan misoomuuf, guddachuu fi diinagdee ishee gabaa alaa fi keessaaf dhiyeessuuf ulaan galaanaa ishee barbaachisa waan ta’eef nutis kuni akka milkaa’uuf gahee nurraa eegamu ni bahanna jedhaniiru obbo Alamaayyoon.
Gaaffii mirga abbummaa karra galaanaa Itiyoophiyaan karaa nagaa fi dippiloomaasii ta’een gaafachaa jirtu akka milkaa’uuf hundi keenya waloon deeggaruu qabnaa dhaamaniiru.
Dhimmi mirga abbummaa karra galaanaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhaloota itti fufsiisuu waan ta’eef milkaa’ina isaaf waan barbaachisu hunda ni hojjenna kan jedhan immoo Pirezidaantii Paartii Sochii Dimokiraatawaa Ummata Kuush obbo Maan’aayitoot Bayyanaadha.
Paartiin isaanii gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu sirrii fi haqa qabeessa ta’uu eeruun, dhimma barbaachisaa kana irratti paartileen siyaasaa tokkummaa fi waloon dhaabbachuun hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.