Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa fi Shawaa Lixaatti Midhaan makanaayizeeshiniin deeggarame jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa fi Shawaa Lixaatti Midhaan makanaayizeeshiniin deeggarame jalqabame
Sadaasa 06/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaafi Shawaa Lixaatti midhaan makaanaayizeeshiniin deeggaramee walitti qabamaa jiraachuu waajjirri qonnaa naannichaa ibse.
Midhaan rooba Gannaan misoome heektaara kuma 500 keessaa hanga ammaatti midhaan lafa heektaara kuma 392 irratti misoomerraa makaanaayizeeshinii fi human namaan walitti qabamaa jiraachuu hoogganaan waajjira Qonnaa godina Shawaa bahaa obbo Aabinnat Zagayyee ibsaniiru.
Yeroo ammaa Midhaan walitti qabamaa jiru qamadii, xaafii, boqqolloo, boloqqee fi maashoo akkasumas midhaan zayitaa ta’uu eraniiru.
Haaluma kanaan kompaayinaroota 124, maashianaroota xaafii qulleessanii galchan 254 itti fayyadamuun walitti qabamaa jiraachuu ibsaniiru.
Midhaan walitti qabame keessaa kuntaala miiliyoona 9 tuqaa 5 ol kan argame yoo ta’u, oomisha kana keessaa kuntaalli miiliyoona 1 tuqaa 3 gabaa alaaf kan ergamu boloqqee fi maashoo ta’uu ibsaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun godina Shawaa Lixaattis midhaan lafa heektaara kuma 138 irratti misoome sassaabamaa jiraachuu waajjira qonnaa godinichaatti Ogeessi Misooma Omishaa obbo Balaayi Baqqalaa himaniiru.
Midhaanwalitti qabames kuntaala miliyoona 2 ol ta’uu eraniiru.
Midhaan amma walitti qabamaa jirus lafa heektaara kuma 900 irratti kan misoome keessaa ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni midhaan gahe yeroon akka walitti qaban hubannoon uumamaa jiraachuu obbo Balaay ibsaniiru.