Waggoottan Jijiiramaa Darban Milkaa’inoonni Abdachiisoon Magaalotatti Galmaa’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Waggoottan Jijiiramaa Darban Milkaa’inoonni Abdachiisoon Magaalotatti Galmaa’aniiru
Sadaasa 6/2018(TOI)-Waggoottan jijiiramaa darban milkaa’inoonni Abdachiisoon magaalotatti galmaa’uusaanii Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah ibsan.
Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan mataduree “Guddinani Magaalotaa ga’ooma Itiyoophiyaaf” jedhun Naannoo Affaar Magaalaa Samara Loogiyaatti gaggeeffamuu eegaleera.
Saganticharrtti Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan giddu gala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah, Bulchaa Naannoo Affaar Awwal Arbaa, Itti Aantuu Afa Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Zahiiraa Humadi, Ministira Magaalaa fi bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii fi Qondaaltonni Mootummaa Olaanoon biroon argamaniiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan giddu gala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah wayita kana akka jedhanitti, fooramichi galma misoomaa fi mul’ata akka biyyaatti qabamerratti walii galteen waloo kan itti uumamudha.
Itiyoophiyaan biyyoota guddina ariifachiisaarra jiran keessaaa tokko ta’uushee ibsuun, waggoottan jijiiramaa darban milkaa’inoonni gurguddoon magaalotatti abdiin ifaa horan galmaa’aniiru jedhaniiru.
Yaada Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad maddisiisaniin kan eegalame Misoomni Koriidaraa Magaalota Jiraattotaaf Mijattuu gochuu dubbataniiru.
Hojiiwwan Misooma Koriidaraan Hojjetaman Afriikaaf fakkeenyummaan kan eeraman ta’uusaanii kaasuun, milkaa’inoonni galmaa’an akkuma eegaman ta’uun hojiiwwan hafan biroon hojjetamuu qabu jedhaniiru.
Kallattiiwwan Xiyyeeffannoo fuulduraa mootummaatiin kaa’aman hojiirra oolchuun milkaa’ina caaluuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.