Tamsaasa Kallatti:

Paartiin Wudib Waladoo Tigiraay(WLD) Ragaa Mirkaneessa Paartii Siyaasaa Seera Qabeessa argate

Sadaasa 06/2018(TOI)-Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Paartii “Wudib Walado Tigraay (WLD)”f waraqaa ragaa paartii siyaasaa naannoo seera qabeessa ta’e kenneera.

Dargaggoonni paartii siyaasaa kana kan hundeessan hawaasni Tigree paartii tokkeen rakkachuu akka hin qabnee fi filannoo biraaf akka carraa banu yaadanii ta’uu ibsameera.

Dargaggoonni kunniin paartii hundeessuun, gaaffii mirga seera qabeessumaa argachuuf Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessaniin waraqaan ragaa seera qabeessummaa isaaniif kennameera.

 Haaluma kanaan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akkaataa aangoo labsiidhaan kennameefiin Sadaasa 05/2018 Paartii Wudib Walado Tigraay(WLD)f waraqaa ragaa paartii siyaasaa naannoo seera qabeessa ta’e kennuu isaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015