Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi Babal’isuu Hospitaala yaadannoo Zoodituu eebbifame

Sadaasa 6/2018(TOI)- Kantiibaan Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee hojii ijaarsa babal’isuu hospitaala yaadannoo Zoodituu har’a eebbisuun tajaajilaaf banaa tassiisaniiru.


 

Kantiibaa Adaanech Abeebee Hospitaala Buleessa Yaadannoo Zoodituu, babal’isa Hospitaala Haaraa madaalu ijaaruuni fi meeshaalee wal’aansaa ammayyaa’aan guutuun hojii eegalchiisuu ibsaniiru.



 

Hospitaalichatti kan ijaarame gidduugala yaalaa guddaa, kaaree kuma1 fi 800 irra kan bufatee fi gamoo abbaa darbii 10 yoo ta’u tajaajila ciisanii wal’anamuu kan kennu siree 320 akka qabu eeraniiru.


 

Kunis waggoottan 91 darbaniif tajaajila wal’aansaa yaalamtootaa hospitaala zawudituu ture dachaan akka guddisu ibsaniiru.

Hospitaalichi ogeeyyii wal’aansaa fi yaalamtootaaf haala mijatuun ijaaramuusa Kantiibaan kun ibaniiru.

Gidduu galichi yeroo ammaa sadarkaa dameen yaalaa meeshaa ammayyaan irra ga’een kan gurmaa’ee fi omisha oksijinii mataasaa kan dabalatee ta’uu dubbataniiru.


 

Hospitaalichi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Giddu gala Tuurizimii Medikaalaa gochuuf hojii eegaleef humna dabalataa akka uumu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015