Tamsaasa Kallatti:

Manni Barnootaa Ammayaa’aan ijaarame baruu fi barsiisuuf haala mijataa uumeera

Sadaasa 6/2018(TOI)- Manni Barnootaa Sadarkaasaanii eeggatanii ijaaramuun haala mijataa baruu fi barsiisuu uumuusaa barsiisonnii fi barattoonni mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi gidduugaleessa Haayiq lakkofsa tokko ibsan.

Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa Godina Kibba Walloo Magaala Hayiq mana barumsaa faawondeeshinii Balaayinee kindeetti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf banaa godhaniiru.


 

Ijaaramuun mana barumsichaa barattoonni barnmoota qulqullina qabu akka argatan akka isaan dandeessisu eeraniiru.

Barsiisonni mana barumsichaa Arbaashikur Baqqalaa fi mahaammad imaambulal ammaan dura kutaa barnootaa mijataa hin taaneen barsiisa turuusaanii yaadataniiru.


 

Haalli mijataan jiraachuu dhabuun barattoonni barnoota qulqullina qabu akka hin arganne gochun olitti, barsiisonni beekumsa dhaqqabsiisaa akka hin turre ibsaniiru.

Amma garuu manni barumsaa haaraan gara tajaajilaatti galuun barattonni kutaa mijataa ta’e keessatti barnoota qulqullina qabu akka argatan isaan dandessiseera jedhaniiru.


 

Barataa Hamzaa Mahaammadii fi Salaam Tasfaayee yaada kennaniin amman dura teessoon mijataan kan hin turree fi kutaa barnootaa dhiphoo keessatti barattoonni hedduun bakka tokkotti barachaa turuu ibsaniiru.


 

Amma garuu kutaan barnootaa haaraan teessoo fi minjaala mijataan guutameefii akkasumas qulqulluu ta’uu dubbataniiru.

Ogeessi mana kitaabaa Misiraaq Jamaal gamashen manni kitaabaa haaraa ijaarane kitaabileen kan guutamee fi bal’aa ta’uu dubbatteetti.


 

Itti Aanaan Ministira Muummee Tamsgeen Xurunee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanin dabarsaniin pirojektii Gabataa dhalootaa Haayiqii cinaatti Abbaan Qabeenyaa Balaayineeh Kindee kan ijaarsisan Mana Barumsaa Gabataa dhaloota Haayiq lakoofsa 1 sadarkaa 1ffaa fi gidduugaleessa daawwachuu ibsaniiru.

Kitaabilee Mana kitaabaa ABirihootii argatan 4250 mana kitaanbaa mana barumsichaaf kennuusaanii ibsuun kun hundi bu’aa misoomaa fi nageenyaati jechuunsaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015