Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa Naannoo Gaambeellaatti haala tokkummaa sabootaa cimsuun kabajama

Sadaasa 06/2018(TOI)-Guyyaan Saboota Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa Naannoo Gaambeellaatti haala tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun taateewwan garagaraan kabajuuf qophiin xumuramuu Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Masarat Maatiwoos ibsaniiru.

Af-yaa’iin mana maree naannichaa akka ibasanitti guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan sadarkaa naannichaatti keessummeessa aanaa Diimaan, godina Anyuwaakitti akka kabajamu ibsaniiru.

Ayyanicha haala tokkummaa Sabootaa fi Sablammootaa cimsuun danda’amutti kabajuuf haaldureen xumuramuu eeraniiru.

Ayyaanni Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa haala hawaasni aadaa fi duudhaasaa ittiin ibsachuu danda’uu fi akkasumas qabeenya turizimii naannichaa beeksisuu fi guddisuun danda’amurratti akka kabajamu ibsaniiru.

Waltajjiiwwan marii hubannoo uumuu sirna Heera Federaalaawaa fi barnoota Heera Mootummaa irratti sadarkaa bulchiinsaa fi jaarmiyaalee naannichaatti mariin hawwasaa gaggeeffamaa akka ture eerameera.

 Gara fuula duraattis manneen barnootaatti bifa gaaffii fi deebiidhaan akkasumas iddoolee hawwasni itti hedduumatutti immoo bifa dorgommii ispoortiidhaan ayyaanichi ni kabajama jedhan.

Kabajni ayyaanichaa akka naannootti hanga Sadaasa 20/2018tti kan kabajamu yoo ta’u, akka biyyaalessaatti naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti kabajaurratti argamuufis akka qophaa’aa jiran Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015