Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa bara kanaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaaf carraa addaa fideefii dhufeera- Af-yaa'ii Mana Maree Naannichaa Faaxee Sarmooloo

Sadaasa:06/2018(TOI)-Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummatoota Itiyoophiyaa bara kanaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaaf carraa addaa fideefitti gargaaramuun  

bu’uuraleen misoomaa hedduun hojjetamuu Af-yaa'iin Mana Maree Naannichaa Faaxee Sarmooloo ibsan.

Afyaa'iin Mana Maree Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Faaxee Sarmooloo kabaja guyyaa saboota, sablammootaa fi uummatootaa 20ffaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Af-yaa’iin mana maree naannichaa Faaxee Saarmooloon naannichi guyyaa ayyaana sabaa fi sablammoota Itiyoophiyaa sababeefachuun qophiin haaldureewwan kabaja ayyaanichaa madaalan hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Guyyaan kabaja ayyaana sabaa fi sablammoota baranaa kan duriirraa waan hedduun adda ta’a kan jedhan af-yaa’iin mana maree naannichaa kan baranaa bara itti Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa itti milkeessinee fi bara itti pirojaktoonni gurguddoon ijaramanii hojiitti seenaman ta’uun adda taasisaa jedhaniiru.

Naannichi erga hundeeffamee yeroo dhiyoo as ta’us itti gaafatamummaa olaanaa dhimma biyyaa akka kanaa fudhatee kutannoon hojiitti seenuu eeraniiru. 

Hojiin kabaja ayyaanichaaf ta’an hedduun hojjetamuu eeruun akka fakkeenyaatti galmi guddaan qophaa’uu fi bu’uuraaleen misoomaa adda addaas hojjetamuu ibsaniiru.

Naannichatti misoomni koriidarii hojjetamuu eeruun kan eebbaaf gahanis akka jiran himuun kan hafe immoo gaafa ayyaana sabaa fi sablammootaa hawaasa kabaja ayyaanichaaf achitti argaman waliin kan eebbifamu ta’uu dubbataniiru.

Hawaasni Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa keessummoota simachuuf qophiisaa xumureera jedhan.

Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “Waliigaltee Dimookiraatawaa Tokkummaa Biyyoolessaaf” jedhuun qindoomina Mana Maree Federeeshinii fi bulchiinsa mootummaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaan qophaa’een magaalaa Hosaa’inaatti kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015