Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa

Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan.

Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru.


 

Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru.

Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru.

Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru.

Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru.

Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera.

Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti.

Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015