Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin mirga itti fayyadamummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ummata addunyaaf hojiin hubannoo uumuu hojetamaa jira 

Sadaasa 06/2018(TOI)-Gaaffiin mirga itti fayyadamummaa karra galaanaa Itiyoophiyaan qabdu ummata idil addunyaaf hojiin hariiroo dippiloomaasii hubannoo uumuu hojetamaa jiraachuu Imbaasiiwwan Itiyoophiyaa biyyoota adda addaa jiran ibsani.

Zimbaabuweetti Ambaasaaddarri aangoo guutuu Itiyoophiyaa fi Moorisheesitti, Zaambiyaa fi Gabaa Waloo Biyyoota Bahaa fi Kibba Afrikaa (COMESA)tti itti waamamaan Itiyoophiyaa Raashiid Mohaammad akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde murtee haqa hin qabne shira siyaasaatiin guutame ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaan baay'ina ummataa miliyoona hedduu qabdu taateeulaa galaanaa dhabdee jiraachuu hin dandeessu kan jedhan Ambaassaaddarri kuni seera idil addunyaatiinis Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf mirga guutuu akka qabdu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa qabaachuun ishee riijinichaaf nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu gochuun nageenya naannoo Baha Afrikaa tiksuun faayidaa waloo mirkaneessuu ta’uu eeraniiru.

Dhimmi abbummaa Itiyoophiyaan ulaa galaana Diimaarratti qabdus haala umamaa fi seena qabeessa ishee miseensota hawaasa dippilomaasii Zimbaabuwee fi Zaambiyaatiif hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

 

Imbaasii Itiyoophiyaa Kuweetitti, ambaasaaddar Doktar Sa’iid Mohaammad gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu eeruun, gaaffiin kuni itti fayyadamummaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuudha jedhan.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaanonni biyya alaa jiraatan dhimma ulaa galaanaa Itiyoophiyaa irratti hubannoo hawaasa idil-addunyaatiif karaa danda’amu hundaan ga’ee isaanii akka ba’ataniif tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa abbummaan qabaachuun ishee gaaffii bu’uura qajeelfama dippilomaasii sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabuun faayidaa waloo ta’uu hubachiisaniiru.

Ingilizii fi Kaaba Ayerlaanditti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Buruuk Mokonnon, Itiyoophiyaan dhiibbaa Hidha Haaromsaa irratti mudachaa ture injifachuuf tattaaffii taasisaa turte irra aanuunshee deeggarsi lammiilee diyaaspooraa gahee olaanaa bahachuu hubachiisaniiru.

Akkuma hidha guddicha haaromsa Itiyoophiyaa waliin taanee milkeessine, gaaffii ulaa galaanaa keenyaas dhalattoonni Itiyoophiyaa fi deeggartoonnishee deeggarsa barbaachisu akka taasisan hojjetamaa jira jedhan.

Imbaasii Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaatti sadarkaa ministiraatti dippilomaatiin damee diyaaspooraa Malaakuu Zallaqaa akka jedhanitti, ulaa galaanaa kan dhabne karaa seeraan alaa fi imaammata dogoggoraa irraa kan ka’e ta’uu ibsaniiru.

Diyaaspooraan kanaan dura dantaa Itiyoophiyaarratti deeggarsa isaa taasisaa ture ammas karaa itti mirga abbummaaulaa galaanaa deeffachuu dandeenyurratti deeggarsa isaa hubannoo hawaasa idil addunyaaf uumuu cimsee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015