Tamsaasa Kallatti:

Keessummoota guyyaa sabootan sab-lammootaa fi ummattootaa irratti hirmaataniif tajaajila mijataa kennuuf qophiin taasifameera

Sadaasa 6/2018 (TOI)- Keessummoota guyyaa sabootan sab-lammootaa fi ummattootaa kabajuuf naannoo jiddu galeessa Itiyoophiyaa dhufaniif tajaajila mijataa kennuuf qophiin taasifamuun ibsame.

Guyyaan kun naannichatti kabajamuunsaa faayidaa inni qabuu fi baay’ina keessummootaa hubannaa keessa galchuun qophii taasifamuusaa hogganaan biiroo aadaa fi turizimii naannoo giddu galeessa Itiyoophiyaa Saamu’eel Mangashaa dubbataniiru.

Kana malees carraa hojii uumuun sochii dinagdee caalaatti akka dadammaqsu TOI’f ibsaniiru.

Kanaaf ammoo aadaa naannawichi simannaa keessummaaf qabuun simachuun tajaajila mijataa kennuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Kabaja guyyaa Kanaan wal qabatee ummata waliin mariin gaggeeffamuus kaasaniiru.

Magaalaawwan naannichaa hunda keessatti tajaajila sadarkaasaa eeggate kennuuf qophiin gahaan taasimauu beeksisanii, keessumaa magaalaa Hosaa’inaatti qophiin addaa taasifameera jedhaniiru.

Hoteelotaa fi bakka aara galfii keessummootaa duraan tura malees hoteelonni haaraa sadarkaasaanii eeggatan hojii akka eegalan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015