Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fiduuf kutannoo qabdi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Sadaasa 5/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan waltajjii Koop 32 irratti jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fi qabatamaa fiduuf kutannoo akka qabdu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mirkaneessan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan Koop 32 akka keessummeessitu hawaasni Addunyaa itti gaafatama guddaa waan nuuf kenneef kabajni nutti dhagahama jedhaniiru.

Afriikaan bara 2025 konfaransii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (Koop 30) Biraazil irratti sagalee tokkoon dubbatteetti, Addunyaanis ishee dhaggeeffateera jedhaniiru.


 

Bakka bu’oota biyyoota Afriikaa gaaffii Itiyoophiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 2027 Finfinneetti Koop 32 keessummeesuuf gaafatte guutummaatti deeggaran galateeffataniiru.

Rakkoowwan Jireenya namaa keessatti baay’ee barbaachisan keessaa tokko furuun akka danda’amu tattaaffii waloo gaggeessuuf carraa waan arganneef ni galateeffanna jedhaniiru.

Hawaasni addunyaa itti gaafatama guddaa kana waan nuu kenneef kabajni nutti dhagahama jedhan Ministirri muummee.

Beekamtii kana kutannoo cimaa Itiyoophiyaan haala qilleensaarratti qabdu, hooggansaa fi qophiilee idil addunyaa ijoo keessummeessuuf dandeettii dilbii qabdu agarsiisa jechuun cimsanii ibsaniiru.

Kanaaf waltajjiin koop 32 Itiyoophiyaan keessummeessitu jijjiira haala qilleensaarratti tarkaanfii waloo kan jajjabeessu bu’aa cimaa fi qabatamaa fiduuf guutummaatti kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015