Tamsaasa Kallatti:

Hojimaatni kunuunsa biyyee fi bishaanii gabbina biyyee guddisuun oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera.

Sadaasa 05/2018(TOI)-Waggoottan darban hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hawaasa hirmaachise hojjetameen oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera jedhe Ministeerri Qonnaa.

Bona baranaafis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala gaariin hojjetamuuf haaldureewwan xumuramuu ibseera.

Jijjiiramni qabeenya qilleensaa, lolaan, roobni yeroosaa eegee roobuu dhabuun, hongeenii fi dhiqamni biyyee jireenya hawaasaarratti dhiibbaa fidaa jiraachuun eerameera.

Biqiloota dhaabuun; kunuunsi biyyee fi bishaanii immoo jijjiirama qilleensaa sirreessuun dhalli namaa rakkoo hamaaf akka hin saaxilamne taasisa.

Imaammata kunuunsa qabeenya uumamaa Itiyoophiyaan hordoftee ashaaraa magariisaan biqiloota duulaan dhaabuun, kunuunsa qabeenya biyyee fi bishaanii waktii bonaa hojiirra oolchitu kunuunsa naannoof xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu isheef ibsituudha.

Ministeera Qonnaatti dursaa hojii raawwachiisaan Misooma, Kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonnoon turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti qabeenyi uumamaa jireenya dhala namaa waliin walitti hidhata guddaa qaba.


 

Haalli jijjiirama qilleensaa, lolaan, hongeenii fi dhiqamni biyyee deebii uumamni deebisee kennu balleessaa dhalli namaa hojjetuuti jedhan.

Waggoottan darban hojiin kunuunsa biyyee fi bishaaniif hawaasa hirmaachise hojjetameen fooyya’insi gaariin argamuu fi oomishnii fi oomishtummaan dabaluus kaasaniiru.

Biyyattii keessatti lageen gurguddoo 12 sab beezinii 135 qaban akka jiran eeruun, yeroo ammaa bishaan sab beezinii gurguddoon dabalataa 8,903 adda baafamanii misoomfamaa akka jiran ibsaniiru obbo Faanosee Mokonnoon.


 

Hojiileen kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan sadarkaa hawaasaatti adda baafamanii hojjetamaa jiran bishaan yaa’insa xixiqqaa kuma 197 fi 843 misoomsamaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan lafa heektaara miiliyoona 33.6 irratti hirmaannaa mootummaa fi hawaasaatiin hojiin irra deebiin misoomsuu hojjetamaa akka jirus isaniiru.


 

Iddoon hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii Bonaa fi hojichaaf meeshaaleen barbaachisan adda baafamanii hojiitti galamuuf qophiin xumuramuus himameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015