Tamsaasa Kallatti:

Shororkeessaa Shanee Baha Itiyoophiyaatti gocha shororkeessummaa raawwachuuf ture irratti tarkaanfiin fudhatame

Sadaasa 4/2018 (TOI)-Shororkeessaa Shanee Baha Itiyoophiyaa bakkeewwan muraasatti gocha shororkeessummaa raawwachuuf ture irratti tarkaanfiin fudhatamuu raayyaa ittisaa bahaatti ajajni bahaa beeksise.

Raayyaa ittisa biyyaatti hoogganaan qajeelcha maandisaa ajaja bahaa koloneel Tafarii Oliin shororkeessaan shanee Dirree dawaa fi naannawasheetti gocha shororkeessummaa raawwachuuf yaaluusaa yaadachuun TOI’f ibsaniiru.

Kanaaf kaayyoo badii sochii shororkeessaa kanaa qorannoo fi hordoffii ragaarratti hundaa’e gochuun dursuun hubachuun tarkaanfiitti galamuu dubbataniiru.

Raayyaan ittisaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun tarkaanfii cimaa garee shororkeessaa kanarratti fudhachuusaa yaadatanii, yeroo ammaa naannawichatti nagaan amansiisaan jiraachuu mirkaneessaniiru.

Tumsii fi hirmaannaan hawaasa naannawichaa cimaa ta’uu fi ammas caalaa cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Misoomnii fi nageenyi fulla’aan naannawoota baha Itiyoophiyaatti akka jiraatu raayyaan yoomiyyuu caalaa qophii olaanaan bahachaa akka jiru mirkaneessaniiru.

Hoogganaan qajeelcha poolisii harargee bahaa gargaaraan komishinaraa Naasir Mahaammad, nagaa fi tasgabbii naannawichaa gama mirkaneessuutiin tattaaffiin qindaa’aan taasifame bu’aa barbaadamu buuseera jedhaniiru.

Keessumaa shororkeessaa shanee godinichatti gocha badiif socho’e irratti tarkaanfii fudhatameen bu’aan barbaadamu argamuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015