Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatootaa haala tokkummaa biyyoolessaa naannichaa cimsuun ni kabajama - Afyaa'ii Ayyaan Abdii - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatootaa haala tokkummaa biyyoolessaa naannichaa cimsuun ni kabajama - Afyaa'ii Ayyaan Abdii
Sadaasa 04 /2018(TOI)-Guyyaan Saboota, Sab-lammootaafi Ummatootaa haala tokkummaa biyyoolessaa cimsuun qophiilee adda addaan akka kabajamu af-yaa’iin mana maree bulchiinsa mootummaa naannoo Somaalee Ayyaan Abdii ibsaniiru.
Guyyaan saboota, sablammootaa fi ummatootaa kuni taateewwanii fi hojiilee misoomaa tokkummaa sabdaneessummaa cimsaniin akka kabajamu miidiyaaleef ibsaniiru.
Sadaasa 17 bara 2018 sadarkaa naannootti akka kabajamu, Sadaasa 5 bara 2018 irraa eegalee godinoota naannichaa, aanaalee fi bulchiinsa magaalota naannichaa hunda keessatti mariin ni adeemsifamu, hojiiwwan misoomaa, fi hojiin tola ooltummaa naannicha hunda keessatti ni gaggeeffama; akkasumas heera mootummaa irratti hubannoo uumuu fi tokkummaa cimsuu irratti akka hojjettamu eeraniiru af-yaa’ii Ayyaan Abdiin.
Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatootaa 20ffaan Naannoo Giddu-galeessa Ityoophiyaa magaalaa Hosaanaatti dhaadannoo "Tokkummaa Biyyaaf Waliigaltee Dimokiraatawaa" jedhuun ni kabajama.