Humni qilleensaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa boonsaa qaba-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa - ENA Afaan Oromoo
Humni qilleensaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa boonsaa qaba-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Sadaasa 4/2018 (TOI)-Humni qilleensaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa boonsaa kan qabu ta’uu ajajaan olaanaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan.
Waggaan hundeeffama 90ffaan humna qilleensaa FDRI qophiilee garagaraan kabajamaa jira.
Kana ilaalchisuun ajajaan olaanaa humna qilleensaa marii paanaalii har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffame irratti akka dubbatanitti, humni qilleensaa birmadummaa biyyaa gama kabachiisuutiin seenaa boonsaa kan qabuu fi dhaabbata gootota hedduu horatedha.
Ayyaanni hundeeffama qophaa’ummaa guutuu humna qilleensaa akkasumas dandeettii uume beeksisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Maricharratti Ajajaa olaanaa dabalatee Qondaaltonni Olaanoon Humna Qilleensaa, miseensonni raayyaa, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Haayiluu Jaldee fi kanneen biroon argamuu miidiyaan raayyaa Ittisaa online odeeffannoo TOI’f erge ni hubachiisa.
Ayyaanni hundeeffamaa mata duree “humni qilleensaa Itiyoophiyaa mallattoo birmadummaa fi tokkummaa“ jedhuun Ekispoo aviyeeshinii humna qilleensaa sadarkaasaa eeggateen, agarsiisa qilleensarraa Xiqur Anbassaa adda ta’ee fi qophiilee adda addaan kan kabajamu ta’uun ibsameera.