Gaaffiin mirga abbummaa ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa qofa osoo hin taanee dhimma bu’uuraa nageenya riijiniiti - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin mirga abbummaa ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa qofa osoo hin taanee dhimma bu’uuraa nageenya riijiniiti
Sadaasa 04/2018(TOI)-Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane dhimma bu’uuraa nageenya riijinii ta’uu hogganaa olaanaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsan.
Akkaataan Itiyoophiyan ulaa galaanaa itti dhabde al seerummaa dalagamee fi daba biyyarratti raawwatame ta’uu ibsaniiru.
Galaanni Diimaan waggoota kuma hedduuf kan Itiyoophiyaa ta’uusaa galmeen seenaa kan ibsu ta’uu eeruun, ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ta’ee tajaajilaa turuu dubbatu obbo Qajeelaan.
Ulaan galaanaa kuni Itiyoophiyaaf akka qaroominaatti ilaalamaa kan ture ta’uus ibsaniiru.
Bara mootii Aksumii jalqabee Galaanni Diimaan seenaa Itiyoophiyaa keessatti guddummaa fi qaroomina Itiyoophiyaa ibsaa kan ture ta’uusaa seenaan ragaadha.
Galaana Diimaa Itiyoophiyaan waggoota kuma hedduuf abbummaan itti fayyadamaa turte bara 1983 A.L.I as shira siyaasa garee tokkoon irraa mulqameera jedhan.
Shirri galaana Diimaa Itiyoophiyaan akka dhabdu taasifame kunimmoo hawaasa biyyattiirratti rakkoo hamaa fideera.
Ummata obbolaa tokko, Itiyoophiyaa fi Eertiraa qoqqooduun shira diinonni seenaa Itiyoophiyaa hojjetaniin biyya adda addaa taateetti jedhan hogganaa olaanaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) obbo Qajeelaa Mardaasaan.
Ummanni obbolaa tokko ta’an Eertiraa fi Itiyoophiyaan karaan isaan adda bahanis alseerummaa qabaachuusaa galmeen seenaa kan ibsu ta’uu eeraniiru obbo Qajeelaan.
Akkaataa Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa akka dhabdu itti taasifames shira dalagamee fi seeraan fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru obbo Qajeelaan.
Buufanni doonii Asab qaama Itoophiyaa kan ture Asmaraa irraa kiiloo meetira 500 fagaatee kan argamu yoo ta’u, Itoophiyaatti dhihoo ta’uu ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran waan guddaadha garuu naannoon Asaab hojii misoomaa tokko illee hin qaban, misoomni naannichaas akkanatti dhaabbatee arguunis dhimma yaaddessaa ta’uu ibsaniiru obbo Qajeelan.
Gaaffiin mirga abbummaa karra Galaanaa Itoophiyaa dhimma dantaa biyyaa qofa osoo hin taanee dhimma bu’uuraa nageenya naannoo ta’uus dabaluun kaasaniiru obbo Qajeelaan.
Gaaffiin mirga abbummaa karra galaanaa Itiyoophiyaa Qajeelfama kennuufi fudhachuu irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabus hubachiisaniiru.
Kunis guddina diinagdee hunda galeessa Ityoophiyaa kan saffisiisu ta’uu cimsanii dubbataniiru.