Tamsaasa Kallatti:

Turistoonni miliyoona 8 ol bakkeewwan adda addaa hawata turizimii Oromiyaa daawwataniiru

Sadaasa 04/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti dawwattoonni biyya keessaa fi alaa miliyoona 8 ol ta’an bakkeewwan hawata turizimii ta’an daawwataniiru jedhe komishiniin turizimii Oromiyaa.

Hojiirra oolmaa diinagdee hundagaleessa mirkaneessuuf Itiyoophiyaan dameewwan diinagdee shanan qabatte keessaa sektarri turizimii tokko ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan bakkeewwan hawata turizimii misoomsuu, bu’uuraalee misoomaa fi tajaajila kenniinsaa fooyyessuu fi bakka jireenyaa mijataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira.

Mootummaan naannoo Oromiyaa damee turizimii misoomsuu fi itti fayyadama damichaa mirkaneessuuf hojiin hedduun hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Tuurizimii naannichaa beeksiseera.

Itti aanaan Komishinara Komishinii Tuurizimii Oromiyaa obbo Naggaa Wadaajoo dhimma kanarratti Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, qabeenya naannicha keessatti argamu misoomsuu fi beeksisuun Oromiyaa wiirtuu turizimii taasisuuf hojii cimaan hajjetamaa jira.

Haaluma kanaan baatiiwwan afran darban kanatti turistoota biyya kessaafi alaa miliyoona 8 ol ta’an bakkeewwan hawwata turizimii naannichaa daawwachuu ibsaniiru.

Itti dabaluunis qooda fudhattoota waliin ta’uun damicha haaromsuu fi guddisuuf, keessumaa adeemsa kana dijiitaalessuun hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakkeewwan hawata turizimii ta’anitti bu’uuraalee misoomaa babal’isuu; mijaahaa taasisuu fi kenniinsa tajaajilaas fooyyessuun immoo warreen xiyyeeffannoon kennamanii fi hojjatamaa jiran ta’uun himameera.

Bara bajataa kanatti turistoota miliyoona 25 daawwachiisuuf Karoorfamuu eeruun, bara bajataa baatii afran kanatti turistoonni biyya keessaa miliyoona 8.1, turistoonni biyya alaa kuma 40 immoo bakkeewwan hawata turizimii naannichaa daawwataniiru jedhan.

Kanaafis sababa guddaa kan ta’an ayyaanota hawaasni kabaju kan akka Irreechaa fi Masqalaa shoora olaanaa qabaachuu kaasaniiru  itti aanaan Komishinara Komishinii Tuurizimii Oromiyaa obbo Naggaa Wadaajoo.

Dabalataanis dabaluu baay’ina turistootaaf hundeffamuun Miis turizimii, Awaardiin Turizimii Oromiyaa, Hundeeffamni Ambaaassaaddaroota Turizimii, Dizaayiniin Faashinii, agarsiisnii fi baazaariin Teekinooloojii Dijitaalaa adeemsifamuun shoora alaanaa qabu jedhan.

Baay’inni turistootaa dabaluun immoo hawaasa naannichaaf carraa hojii uumuu eeraniiru obbo  Naggaan. 

Kanaafis akka fakkeenyaatti naannoo hara Wanciitti hawaasni gurmaa’uun hojiilee adda addaa irratti bobb’uun hojii uummataniiru jedhan.

Kaan dooniin ykn bidiruun turistoota daawwachiisu, kaan immoo fardeen daawwattoota daawwachiisu, gariin immoo tajaajila kenniinsa turistootaarratti bobba’anii ofii fi maatii ofii bulchaa jiru jedhan.

Bakkeewwan biroottis bakkeewwan hawata turizimii daawwachiisuun dabalatatti gurmaa’uun lammiileen fayyadamaa ta’aa jiru jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015