Qabeenya Itiyoophiyaa milkaa’ina Badhaadhina hunda galeessaaf fayyadamuun imala guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuu Eegalleerra – Itti Aanaa Ministira Muumee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Qabeenya Itiyoophiyaa milkaa’ina Badhaadhina hunda galeessaaf fayyadamuun imala guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuu Eegalleerra – Itti Aanaa Ministira Muumee Tamasgeen Xurunaa
Sadaasa 4/2018(TOI)-Qabeenyiota Itioyoophiyaa milkaa’ina badhaadhina hunda galeessaaf fayyadamuun guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Ministira Muumee Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Itti Aanaan Ministira Muumee Tamasgeen Xurunaa eksipoo waggaa 4ffaa Albuuda fi Teekinoloojii (MINTEX Ethiopia 2025 ) Konveenshinii Idil-Addunyaatti ifatti bananiiru.
Itti Aanaan Ministira Muumee ergaa fuula Miidiya Hawaasummaasaaniin dabarsaniin Itiyoophiyaan laftishees, ijoolleenshees dureeyyiidha hanga jedhamnutti takkayyuu hin dhaabbannu jedhaniiru.
Itiyoophiyaa laftishee qabeenya dacha sadii kan qabatte ta’uu ibsuun qabeenya lafa keessaa , qabeenya teessuma lafaa fi haala qabeenya qilleensa addaan kan badhaate ta’uu ibsaniiru.
Qabeenya kuufamaa kanan akka ture dagannaa jalaa bahuun milkaa’ina badhaadhina hunda galeessaaf fayyadamuun guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf imala eegalleerra jedhaniru.
Xiyyeeffannoo addaa mootummaan kennee fi tarkaanfiiwwan fudhatameen dadammaqinsa damichaaf Abdii fiduun Invastimantii Albuudaa fi al-ergii daldalaaf milaaka’ina guddaa uumuusaanii dubbataniiru.
Ekispoon Idil-Addunyaa qaamolee qooda fudhattootaa, abbootii qabeenyaa, omishtoota teekinooloojii fi hayyoota walitti qabuun carraawwan gaarii qabnu kan itti argisiisnuu fi waltajjii gufuuwwan qindoominaan itti hiiknudha jedhaniiru Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ergaasaaniin.