Nageenya naannoo keenyatti bu’een gaaffiin misoomaa keenya deebii argachaa jira - Jiraattota godina walllagga Lixaa Aanaa Beegii - ENA Afaan Oromoo
Nageenya naannoo keenyatti bu’een gaaffiin misoomaa keenya deebii argachaa jira - Jiraattota godina walllagga Lixaa Aanaa Beegii
Sadaasa 4/2018(TOI)-Nageenya Naannoo keenyatti bu’een gaaffiin misoomaa deebii argachaa jiraachuu jiraattonni Godina Wallaga Lixaa Aanaa Beegii ibsan.
Gonichatti nageenya buusuu fi hojiiwwan misoomaa cimsuun cimanii akka itti fufan Bulchaan Godinichaa ibsaniiru.
Jiraattota Godinichaa yaadasaanii TOI’f kennan keessaa jiraataan Aanaa laaloo Asabii obbo Jireenyaa Indaalaa akka dubbatanitti, nageenya naannoosaaniitti bu’een gaaffiin misoomaa deebii argachaa jira.
Abbaan nageenyaa hawaasa mataasaati kan jedhan obbo jireenyaan nageenya naannichatti bu’e cimsuuf tattaaffiin taassifamu qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Nageenyi Aanichatti bu’e hojiiwwan misoomaa dinagdee fi hawaasummaa saffisan akka raawwataman haala mijaataa uumuusaa kan dubbatan immoo jiraataan Aanichaa Biroo Obbo Mitikkuu Shuumaati.
Rakkoon nageenya uumamee ture hojii misoomaa bakka jiranitti dhaabatanii akka turan kaasuun, nageenya amma bu’een, jiraattonni hojii misoomaarratti dammaqinaan hirmaacha jirachuu ibsaniiru.
Jiraattuu Aanaa Beegii Aadde Aannanee yaaddessaa gamasaaniin nageenya naannoosaaniitti bu’een ijoolleensaanii sodaa malee barnootasanii akka hordofan danda’uu kaasaniiru.
Nageenya malee sochiin hawasummaa fi diinagdee hin jiru kan jedhan aadde Aannaneen nageenyi bu’uuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru.
jiraataan Obbo Yenuus Oljirraa nageenya naannoosaaniitti bu’een sochii daldalaa fi hawasummaa saffisiisuuf haala mijataa uumuusaa dubbataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira bulchinsaa fi nageenyaa Aanaa Beegii Tasfuu Biraanuu gamasaniin, Aanichatti qindoomina qaamoleen nageenyaa fi hawaasni nagaan bu’uu eeraniiru.
Nageenya itti fufsiisuuf hojii misooma eegalame akka itti fufan hawaasni qaamolee nageenyaa waliin qindoomee sochii eegale cimsuu akka qabu hubachiisaniiru.
Bulchaan Aanaa Laaloo Assabii Mulatuu Dhinsaa gamasaaniin, nageenyi aanichatti bu’e gaaffii misooma hawaasaaf deebii kennuu dandeessisuu dubbataniiru.
Nageenya argameen aanichatti misooma bunaa babal’isuu fi daldal buna seraan alaa to’achuun hawaasni misoomarraa fayyaddama akka ta’u hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.