Yaa’ichi Itiyoophiyaan midhaan dheedhii fi dibataan humna qabdu addunyaaf agarsiisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf ni gargaara - ENA Afaan Oromoo
Yaa’ichi Itiyoophiyaan midhaan dheedhii fi dibataan humna qabdu addunyaaf agarsiisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf ni gargaara
Sadaasa 4/2018(TOI)-Yaa’iin midhaan dheedhii fi dibataa idil addunyaa 14ffaan humna dilbii Itiyoophiyaan damee Kanaan qabdu addunyaaf agarsiisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf akka gargaaru ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii beeksise.
Yaa’ii kana ilaalchisuun ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii fi waldaan al-ergii midhaan dheedhii fi dibataa waloomaan ibsa kennaniiru.
De’eetaan ministiraa daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Abdulhakiim Muluu wayita kana yaa’ii Sadaasa 9 fi 10 bara 2018 Finfinneetti taa’amurratti hirmaattonni biyya keessaa fi biyya alaa 600 caalan ni argamu.
Yaa’ichi Itiyoophiyaan qabeenya dilbii damee Kanaan qabdu beeksisuu fi gabaa bal’isuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Ppmishtoota, Alergitootaa fi qooda fudhattoota jidduutti walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf faayidaa akka qabaatus dubbataniiru.
Akka ibsa de’eetaa ministirichaatti, Yaa’iin kun Itiyoophiyaan humna daldalaa fi invastimantiin qabdu addunyaaf beeksisuu fi invastimantii hawachuuf carraa gaarii kan uumudha.
Pirezidaantiin waldaa alergitoota midhaan dheedhii fi dibataa Itiyoophiyaa Eda’oo Abdii gamasaaniin, biyyoonni garagaraa 16 caalan yaa’icharratti akka hirmaatan ibsaniiru.
Omishtoonni biyya keessaa, alergitoonni, sadarkaa idil addunyaatti warri bitan,kanneen imaammata baasan, dhaabbileen faayinaansii,hooggantoonni mootummaa olaanoon fi dippilomaatota dabalatee keessummoonni waamaman ni hirmaatu jedhameetu eegama.