Dantaa Biyyoolessaa Itoophiyaa Eeguu fi tokkummaa Biyyaalessaa Cimsuun Ajandaa Waloo Keenyati - ENA Afaan Oromoo
Dantaa Biyyoolessaa Itoophiyaa Eeguu fi tokkummaa Biyyaalessaa Cimsuun Ajandaa Waloo Keenyati
Sadaasa 04/2018(TOI)-Dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa tiksuu fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuun ajandaa waloo isaanii ta’uu paartiileen morkattootaa siyaasaa adda addaa ibsaniiru.
Paartiileen siyaasaa kunniin Itiyoophiyaan karaa nagaan karra galaanaa akka argattu kan deggaran ta’uu ibsaniiru.
Dantaa biyyaalessaa eeguun ejjennoo lammiileen waliin ta’uun mirknaeessuu qaban ta’uu eeraniiru.
Fedhiin siyaasaa hamma barbaade jiraatuyyuu dhimma biyyaarratti lammiileen tokko ta’anii dantaa biyyaalessa biyya ofii eeguun dirqama ta’uu eeraniiru.
Paartiileen siyaasaa turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka himanitti dantaa biyyalessaa fi tokkummaa Itiyoophiyaarratti hawaasni hunduu waliin ta’uun mirkaneessuu akka qabu dhaamaniiru.
Itti aanaan dura taa’aa paartii Dimokraatawaa Itiyoophiyaa obbo Abarraa Baqqalaa akka jedhanitti, qabsoon siyaasaa karaa nagaa dantaa sabaa biyyattii tiksuu irraa eegala.
Paartii morkataan tokko dhimma imaammata fi hojmaata mootummaa irratti adda addummaan jiraachuu danda’a; garuu dhima dantaa biyyaalessaa fi tokkummaa hawaasaarratti tokko ta’uun dirqama jedhaniiru.
Diinota seenaa waliin ta’uun namoota dhuunfaas ta’e gareen socho’uun dantaa Itiyoophiyaa kan dabarsee diinaaf laatu kamuu akka paartii isaaniitti kan morman ta’uu ibsaniiru.
Paartii Dimookiraatawaa Boorootti itti gaafatamaan hariiroo alaa fi idil addunyaa kan ta’an Doktar Mabraatuu Alamuu dantaa biyyaalessaa tiksuun tokkummaa biyyaalessaa fi misooma haqa qabeessa mirkaneessuu jechuudha jedhaniiru.
Paartiin isaanii tokkumma Itiyoophiyaa kan cimsu, biyyoota biroo waliin hariiroo obbolummaa fi fayyadamummaa waloo kan jabeessu irratti kan hojjetaa jiran ta’uu ibsaniiru.
Paartii Dimokiraatawa Tigraayitti (TDP) Gorsaan Olaanaa damee Siyaasaa obbo Tashaalee Nugusee akka jedhanitti, dantaa sabaa kabachiisuun jaalala biyyaa fi kabajaa wajjin kan walqabatudha.
Kanaafis fakkeenya gaarii kan ta’u paartiileen morkattootaa deeggarsa hidha haaromasa guddicha Itiyoophiyaarratti aragarsiisan kaasaniiru.
Paartiileen morkattootaa Itiyoophiyaan karaa nagaan, karaa kennanii fudhachuun karra galaanaa akka argattuufis deeggarsa barbaachisu akka taasisan dubbataniiru.
Itti aanaan dura taa’aa paartii Dimokraatawaa Itiyoophiyaa obbo Abarraa Baqqalaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan dura karra galaanaa qabdu turte karaa seera malee karra galaanaa akka dhabdu taasisamuu eeraniiru. Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuun ishee dantaa biyyaalessaa ta’uu eeruun paartiin isaaniis kana milkeessuuf kutannoon kan hojjetu ta’uu eeraniiru.
Paartii Dimookiraatawaa Boorootti itti gaafatamaan hariiroo alaa fi idil addunyaa kan ta’an Doktar Mabraatuu Alamuu Itiyoophiyaan karra galaanaa qabdu turte garee siyaasaa muraasaan karri galaanaashee irraa mulqamuun yeroo ammaa kanatti Itiyoophiyaa gatii kaffalchiisaa jiraachuu kaasuun karaa nagaan karra galaanaa deeffachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan karra galaanaa osoo qabaattee waggaatti gatii karra galaanaaf baastu misooma biraaf oolchuun badhaadhina biyyaafis shoora olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Partiin isaaniis Itiyoophiyaan gaaffii karra galaanaa argachuuf dhiyeessitee hojjechaa jirtu akka mirkanaa’uuf shoora isaa akka bahatus gama isaaniin deeggarsa barbaachisu akka taasisan ibsaniiru.