Qorannoon bahumsa qormaata Yunivarsiistii baatii sadii keessatti xumuramee ifooma - ENA Afaan Oromoo
Qorannoon bahumsa qormaata Yunivarsiistii baatii sadii keessatti xumuramee ifooma
Sadaasa 04/2018(TOI)-Qormaanni bahumsa yunivarsiitiiwwanitti kennamaa jiru milkaa’ina isaa waliin walqabatee qorannoon adeemsifamaa jiru baatiiwwan sadan dhufanitti akka xumuramu Ministeerri Barnootaa ibse.
Ministeera barnootaatti hojii gaggeessaa olaanaa dhimma barnootaa, Doktar Eebbaa Miijanaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin haasaa taasisaniin mootummaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu kaasuun, kana mirkaneessuufis barattoota Yunivarsiitiidhaa digirii jalqabaan eebbifamaniif qormaata bahumsa Yunivarsiistii kennuu kan jalqabe bara 2015 ta’uu eeraniiru.
Haaluma kanaan barattoonni Yunivarsiitiidhaa digirii jalqabaan bahan kuma 250 ta’an waggaa waggaan qormaata bahumsa Yunivarsiitii fudhachuu isaanii kaasaniiru.
Qormaatichis barattoonni ogummaa leenji’anirratti gahumsa akka qaban kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru Dr. Eebbaa Miijanaan.
Hojii gaggeessaa olaanaa dhimma barnootaa kun muuxannoon akka kanaa kuni biyyoota hedduu kessatti hojiirra oolaa kan jiru ta’uu eeruun, bu’aa qabeessummaan isaas babal’achuu akka qabu dubbataniiru.
Muuxannoon kunis waggoota sadan darbaniif biyya keeenya keessatti hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, bu’aa milkaa’aa fidaa jiraachuu himaniiru.
Qormaanni kennamuu eegaluun isaa jalqabumarraa kaasee barattoonni ogummaa barataniin gahumsa akka qabaatan isaan taasiseera; dabalataanis barsiisonni barattoota isaaniif deeggarsa addaa akka kennaniifii karra baneera jedhan.
Qormaanni bahumsa Yunivarsiitii kunimmoo qorannoon deeggaramuun barbaachisaa ta’uu eeruun muuxannoo jiru cimsuun hanqinoota jiaran immoo guutuuf qarannoon qoratamaa jiraa dubbataniiru.
Kaayyoon qorannoo kanaas qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ta’uu eeraniiru.
Qorannichis baatiiwwan sadan dhufanitti xumuramee hawaasaaf ifa akka ta’us ibsniiru.
Kanumaan walqabatee qormaanni seensaa barattoota digrii lammaffaatiif waggaatti al lama kennamu bu’aa gaarii argamsiisuu eeraniiru.
Kunis barattoonni dandeettii fi ogummaa qaban Yunivarsiitii akka seenan taasisuun qulqullina barnootaaf shoora olaanaa bahateera jedhan.
Gara fuula duraattis qormaanni seensa barattoota digrii lammaffaatiif kennamu kuni qorannoon deeggaramuu waan qabuuf qophiin eegalameera jedhaniiru.