Salixiin bara omishaa 2017/2018 omishame walitti qabamaa jira-Ministeericha - ENA Afaan Oromoo
Salixiin bara omishaa 2017/2018 omishame walitti qabamaa jira-Ministeericha
Sadaasa 4/2018(TOI)-Salixiin bara omishaa 2017/18 lafa hektaara miiliyoona 1 fi kuma 222 fi 473 irratti misoomerraa walakkaa ol walitti qabamuu ministeerri Qonnaa ibse.
Ministeerichatti itti gaafatamaan deeskii misooma midhaan zayitaa fi omisha boodaa Fissahaa Tolasaa TOI’f akka ibsanitti, hanga ammaatti midhaan salixii lafa hektaara kuma 609 fi 186 olirra kan ture walitti qabameera.
Walii gala lafti salixiin facaafame hektaara miiliyoona 1 fi kuma 222 fi 473 irraa callaan kuntaala miiliyoona 8 fi kuma 925 fi 546 ni argama jedhamee akka eegamu eeraniiru.
Baay’inaa fi qulqullina omishaa guddisuuf yeroo walitti qabuu, imalchiisuu, kuusuu, midhaan dhawuun, yeroo gara man-kuusaatti galchuu qisaasamni akka hin uumamne qonnaan bulaaf deeggarsi taasifamaa jiraachuu dubbatanmiiru.
Salixiin naanno Amaaraa, Tigiraay, Oromiyaa, Benishaangul Gumuzii fi naannoo Sumaaleetti jallisiin misoomaa jiraachuu eeraniiru.
Jallisiin misoomsuun roobaan kan misomurra dhibbantaa 150 ol daballii callaa akka qabu eeruun jalliin omishuun bu’aa qabeessa ta’uu dubbataniiru.
Saliixiin gabaa Addunyaarratti midhaan zayitaa baay’ee barbaadamaa ta’an keessaa tokko ta’uu fi sharafa alaa aragamsiisa jiraachuu dubbataniiru.