Tamsaasa Kallatti:

Kurmaana jalqabaa waggaa baranaatti namoota biyya alaarraa deebi’an kuma 6 caalaniif deeggarsi hawaasummaa barbaachisaan taasifameera

Sadaasa 4/2018(TOI)-Kurmaana jalqabaa bara bajataa  2018tti namoota dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen biyya alaarraa deebi’an kuma 6 caalaniif deeggarsi hawaasummaa barbaachisaa taasisuun matii isaaniitti akka makaman taasifamuusaa de’eetaan ministiraa dubartootaa fi dhimma hawaasummaa Huriyaa Alii ibsan.

Hojiileen misoomaa namarratti xiyyeeffachuun Itiyoophiyaa keessatti raawwatamaa jiran lammiilee fayyadamaa carraa hojii kan taasisan ta’uu ibsaniiru.

De’eetaan minstiraa dubartootaa fi dhimmaa hawaasummaa Huriyaa Alii TOI’f akka ibsanitti, tarsiimoo komunikeeshinii bocuun namoota seeraan ala deddeebisuurratti bal’inaan hubannoon kennamaa jira.

Namoota seeraan ala deddeebisuurratti koreen biyyaalessaa dhaabatee hojjetamaa jiraachuu eeranii, faddaaltota dhimma kanarratti hirmaatan seeraan akka gaafataman gochuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Lammiileen carraa hojii biyyasaaniitti uumamutti akka fayyadamanii fi deeggarsa hawaasummaa barbaachisu akka argatan tumsaan hojjetamaa akka jiraN DUBBATANIIU.

Kurmaana waggaa bara bajataa 2018  dlammiileen kuma 6 caalan dippilomaasii namarratti xiyyeeffateen biyyatti akka deebi’anii fi deeggarsa hawaasaa barbaachisu argatanii maatiisaaniitti akka makaman taasifamuu ibsaniiru.

Lammiileen karaa seera qabeessaa fi karaa nageenya qabuun gara biyyoota walii galteen hojii itti taasifamee akka dhaqan carraan mijachuusaa dubbataniiru.

Lammiileen carraalee hojii hojiilee misoomaa namarratti xiyyeeffateen uumaman keessatti fayyadamoo akka ta’an hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sirna eegumsa hawaasummaa fulla’aa diriirsuun haala jireenya lmmiilee sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf qoodni hawaasaa murteessaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015