Magaalichatti manneen barnootaa galiin of dandeessisuun sagantaa nyaata barattootaa deeggarsa jalaa baasuuf hojjatamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalichatti manneen barnootaa galiin of dandeessisuun sagantaa nyaata barattootaa deeggarsa jalaa baasuuf hojjatamaa jira
Sadaasa 01, 2018- Bulchiinsa Magaalaa Hoolataatti manneen barnootaa galiin of dandeessisuun sagantaa nyaata barattootaa deeggarsa jalaa hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Barnootaa Magaalichaa ibseera.
Magaalichatti manneen Barnootaa keessatti inisheetiivii qonna Magaalaa hojiirra oolchuun lafti hektaarri 14 qamadii fi xaafii misoomaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalichaa Obbo Addunyaa Caakkaa ibsaniiru.
Bara kana lafa manneen barnootaarratti qamadii hektaara 6 fi xaafii hektaara 8 faca'e misoomaa jirurraa callaa gaariin kan abdatamu ta'uus himaniiru.
Magaalichaatti sagantaa nyaata barattootaa deeggarsa jalaa baasuu qofa osoo hintaane, manneen barnootaa galiin of dandeessisuuf inisheetiiviwwan qonna magaalaa kanneen akka misooma midhaanii, horsiisa lukkuu, horii aannanii hojiirra oolchuun xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jirus Obbo Addunyaan himaniiru.
Tiraanisfoormeeshinii barnootaa hojiirra oolchuun qulqullina barnootaa mirkaneessuun lammii baratee gahumsa, beekumsaa fi naamusa gaarii qabu horachuuf bulchiinsa magaalichaatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Addunyaa dubbataniiru.
Magaalichatti bara barnootaa 2018 kanatti barattoota kuma 9 fi 304 ta'aniif nyaatni dhiyaachaa jiras jedhamuusaa waajjira komunikeeshinii bulchiinsa magaalaa Hoolotaatu gabaase.