Godina Wallaga lixaatti Ruuzii facaasaa Gannaa misoome irraa caallan kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 7 ol ni eegama - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallaga lixaatti Ruuzii facaasaa Gannaa misoome irraa caallan kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 7 ol ni eegama
Sadaasa 3/2018(TOI)- Godina Wallaga Lixaatti ruuzii facaasaa gannaa misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 7 ol akka eegamu waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa Fayyisaa Hambisaa akka ibsanitti, qonna Gannaan lafti hektaarri kuma 460 kan misoome yoo ta’uu kana keessaa hektaarri kuma 162 ol ruuziin misoomeera.
Lafa ruuziin misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 5 fi kuma 740 ol walitti qabama jedhamee akka eegamu ibsaniiru.
Mootummaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf innisheetivota qonnaa bocaman keessaa misoomni ruuziin tokko ta’uu kaasuun, misoomichi omishaa fi omishtummaa qonnaan bulaa guddisa jira jedhaniiru.
Misooma ruuzii bu’aa qabeessa taassisuuf dhiheessii galtee fi deeggarsi ogeessa qonnaa cimee itti fufuu obbo Fayyisaan dabaluun ibsaniiru.
Qonnaan bulaan hojii kunuunsa misooma ruuzii cinaatti qophii misooma jallisii qamadii boneef taassisuuf omisha gannaa dafee bilchaate haala qisaasama hir’isuun akka walitti qabuuf deeggarsa tassiaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Qonnaan bultoota misooma ruuziiratti hirmaatan keessaa Obbo Geetahuun Guutataa akka jedhanitti, hubannaa ogeessota Qonnaarraa arganneen hojii misooma ruuziiratti hirmaachuusaanii ibsaniiru.
Midhaanicha kilaastaraan misoomsuurra darbee to’annoo Aramaa fi ilbiisotaa waliin gaggeessuun midhaan ruuziirraa callaa kuntaala 40 ol walitti qabuuf karoorsuusaanii ibsaniiru.
Ammaan dura misooma bunaarratti qofa daanga’anii turuusaanii fi jireenyisaanii nyaatarra akka hin darbine yaadachuun, hubannaa amma argataniin misooma Ruuzii fi jallisi boneen midhaan adda addaa omishuun galiinsaanii guddachuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaa biroon Yooseef Mulunaa gamasaaniin, amman dura boqqolloo kan omishan dabalatee misooma ruuzii oomishuun fayyadamummaansaanii guddachaa dhufuu eeraniiru.
Innisheetivonni Misooma qonnaa bocamanii hojjetamaa jiran fayyadamummaa dinagdee qonnaan bultootaa mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii midhaan ruuzii gannaa cinaatti misooma jallisii boneef hojjechaa jiraachuu eeraniiru.