Asheetni bunaa toonii kuma 2 fi 96 ol hanga ammaatti walitti qabameera - ENA Afaan Oromoo
Asheetni bunaa toonii kuma 2 fi 96 ol hanga ammaatti walitti qabameera
Sadaasa 3/2018(TOI)-Bara Baajataa 2018tti hojii hanga ammaatti hojjetameen Bunni Asheetni tooniin kuma 2 fi 96 tuqaa 37 walitti qabamuu Qajeelchi Qonnaa Walayittaa beeksise.
Bara baajatichaatti buna toonii kuma 7 fi 880 walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galamuu Itti Aanaa Waajjira Qonnaa Godinichaa fi itti gaafatamaan damee buna fi mi’eessituuwwanii Ke’aabnehi Tasfaayee TOI’f Ibsaniiru.
kanaanis hanga ammaatti bunni Asheenni toonii kuma 2 fi 96 tuqaa 37 walitti qabamuu ibsuun, yeroo ammaa bunni gara gabaa giddu galeessaatti ergamu bakka gurgurtaa adda addaatti walitti qabamaa jiraachuu dubbataniiru.
Gama biroon kan dhiqame tooniin 8 tuqaa 9 akkasumas kan hin dhiqamne kan qishirame tooniin 343 tuqa 5 gabaa gidduu galeessaaf ergamuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa qisaasamni akka hin jiraanne buna bilchaate jala jalaan qindoominaan walitti qabamaa jiraachuu kaasaniiru.