Tamsaasa Kallatti:

Sirni Awwaalchaa Qorataa seenaa fi Barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge. Delleboo raawwatame

Sirni Awwaalchaa Qorataa seenaa fi Barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge. Delleboo raawwatame

Sadaasa 2/2018(TOI)-Sirni Awwaalchaa Qorataa Seenaa beekamaa fi barsiisaa Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Mana Amantaa Pheexiroos wa-phaawuloositti gaggeeffameera.

Qondaaltonni Mootummaa olaanoon, Maatii Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo fi firootaa fi jallattotnisaanii sirna awwaalchaarratti argamaniiru.

Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo Bulchiinsa kanbaataa fi Hadiyyaa durii kufaalaa Hafula Habaleetti Caamsaa 12 bara 1930  kandhalatan Barnoota sadarkaa 1ffaa Mana barumsaa mishinii bichoo Hosaa’inaatti, barnoota sadarkaa 2ffaa  immoo  Mana Barumsaa Atsegalaawudiwoos sadarkaa 2ffaa fi akkaadaamii  Baayibiliitti  hordofaniiru.

Falaasamaa fi  seenaan digirii jalqabaa hanga Digirii doktoreetiitti Amerikaatti barataniiru.

Dhumarratti Pirofeesarummaaa argatanii, waggaa lamaaf Verjiiniyaatti Yuunvarsiittii  yuuniyanitti  barsiisaa  turaniiru.

Bara 1966  fincila Itiyoophiyaa hordofee  gara biyyasaaniitti deebi’uun, qorataa seenaa fi barsiisuun biyyasaanii tajaajilaniiru.

Qorannoo seenaa Itiyoophiyaa keessatti Ashaaraasaanii kan kaa’an  Pirofeesarichi , guddina seenaa Itiyoophiyaatiif kitaaba gumaachan kaa’anii darbaniiru.

Kitaabota Seenaa dheeraa ummata fi Mootummaa Itiyoophiyaa, Bu’uura Seenaa Itiyoophiyummaa, qooda galaana diimaa fi Abbay, seenaa gabaabaa ummata Geedi’oo  dabalatee Seenaa Itiyoophiyaa hedduurratti kitaabota barreessaniiru.

Qorannoowwan tokkummaan sab-damneessuumaa akka dagaaguu deegaran hedduu  gaggeesaniiru.

Qorataan seenaa Pirofeesar Laaphisoo Ge.Deleboo  Maatii kan qabanii fi Abbaa ijoolee dubaraa sadii kan turan  yoo ta’u, dhibee isaan mudateen yaalamaa turanii umriisaanii waggaa 87tti  du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015