Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti lafa heektaara kuma 147 ol irratti jallisii bonaan qamadii misoomaa jira

Sadaasa 2/ 2017 (TOI)-Godina Arsii Lixaatti lafa hektaara kuma 147 fi 500 irratti jallisii bonaan aanaalee godinichaa sagal keessatti qamadiin misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Karoora imala badhaadhinaa qabame dhugoomsuu fi dinagdee qulqullina qabu karaa itti fufinsa qabuun mirkaneessuuf oomishaa fi oomishtummaa guddisuun murteessaa ta’uun ibsameera.

Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf immoo waqtiiwwan oomishaa hundi hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uun .

Hoogganaan Waajjira Qonnaa godinichaa Dr. Abdullahii Beekaa, qonni keenya kaleessa rooba qofa irratti hirkatee ture yeroo ammaa jallisii bonaatiin deeggaramuun bu'aan jajjabeessaan mul'achaa jiraachuu eeraniiru.

Godinichatti badhaadhina milkeessuuf bona jallisiin ganna roobaan oomishuun wabii nyaataa milkeessuuf xiiqiin hojjatamaa jiraachuu kan himan Dr.Abdullahiin, aanaalee godinichaa sagal keessatti qamadiin facaafamaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka Aanaa Nageellee Arsiittis barana hojiileen qonnaa bal'inaan hojjatamaa Kan jiru yemmu ta'u, oomisha gannaa cinatti bonas jallisiidhaan lafa hektaara kuma 35 fi 500 ol irratti gandoota aanichaa shan keessatti jallisiidhaan qamadii misoomsuuf hojjatamaa jiraachuu bulchaa aanichaa Obbo Ganamoo Bariisoo himan.

Qonnaan bultoonni hojii misoomaa qamadii jallisii bonaa irratti bobba'uun hojjachaa jiranis carraa mootummaan isaaniif babal'isetti gargaaramuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyessuuf jabaatanii kan hojjatan ta'uu dubbachuusaanii biiroo qonnaa godinichaa wabeeffachuun waajjirri komunikeeshinii godina Arsii Lixaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015