Dhaabbanni bu’ura misoomaa waraanaa, ijaarsa humna namaa fi hidhannoo guuttachuun Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbanni bu’ura misoomaa waraanaa, ijaarsa humna namaa fi hidhannoo guuttachuun Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jira
Sadaasa 2/2018(TOI)-Dhaabbanni bu’ura misoomaa waraanaa, ijaarsa humna namaa fi hidhannoo guuttachuun Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jiraachuu ajajaan humna qilleensaa FDRI Itiyoophiyaa Letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan.
Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ayyaana hundeeffama humna qilleensaa EDRI waggaa 90ffaa ilaalchisuun ibsa gaazexessummaa kennaniiru.
Ayyaana hundeeffamaa kana sababeeffachuun fiigichi km. ilaalchisuunis kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Alamaayyoo Asaffaa, pirezidaantiin federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Silashii Sihin fi hoogganaan waajjira federeeshinii atileetiksii Oromiyaa inistiraaktarri intarnaashinaalaa Shimallis Daawit ibsa kennaniiru.
Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa humna qilleensaa FDRI mata duree “humni qilleensaa Itiyoophiyaa asxaa tokkummaa fi bilisummaa” jedhuun kabajama.
Ajajaan olaanaa humna qilleensaa Letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsa kennaniin, humni qilleensaa seenaasaa waggaa 90 keessatti carraa ol ka’uu fi gadi bu’uu keessa darbuusaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa hunda dura tajaajiloota mootummaa ammayyaa kanneen akka humna qilleensaa, telekomunikeeshinii, baankii fi kkf kennuu kan eegalte biyya guddoo fi durii ta’uushee dubbataniiru.
Itiyoophiyaan biyya guddoodha yoo jennu sababa qabna kan jedhan letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa, dhaabbilee maqaa olaanaa qaban Itiyoophiyaan ijaarte keesaa humni qilleensaa EDRI isa tokko ta’uu ibsaniiru.
Humni qilleensaa FDRI waggoota 90 dabarse keessatti birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa haala amansiisaan eegsisuuf hojjechaa turuu ibsaniiru.
Daandiin qilleensaa birmadummaa Itiyoophiyaaf aarsaa lubbuu kaffaluun gootota biyya tursa horachuusaa ibsaniiru.
Hojiileen birmadummaa biyyaa eeguuf raawwate kabaja ayyaana waggaa 90ffaa irratti agarsiisaaf ni dhihaata jedhaniiru.
Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna namaa, bu’ura misoomaa waraanaa fi hidhannoon dandeettiisaa guuttachuun dhaabbanni Itiyoophiyaa madaalu ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.
Ayyaanni hundeeffamaa baranaa sadarkaa idil addunyaatti miidhagina akka qabaatu yaadamee akka kabajamu ibsanii, fiigichi km. 10 mata duree “Humna koo guutuun humna qilleensaa Itiyoophiyaaf nan fiiga” jedhuun akka gaggeeffamu dubbataniiru.
Fiigichi kun waggaa waggaan dhaabbataa ta’ee akka itti fufu eeruun hundi hirmaachuu akka danda’u eeraniiru.
Kana malees ayyaanni hundeeffamaa kun konfiraansii, Egzibiishinii, agarsiisa qilleensaan fi kanneen kana fakkaataniin dammaqee ni kabajama jedhaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishoooftuu Alamaayyoo Asaffaa, Itiyoohiyaa dachee lammiileen biyya isaanii gootummaan kabachiisan ta’uu ibsaniiru.
Birmadummaa Itiyoophiyaa kabachiisuun immoo Humni qilleensaa FDRI qooda olaanaa fudhata.
Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti fiigichi Humna qilleensaa FDRI km. 10 gaggeeffamu guddina Magaalichaaf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Humna qilleensaa FDRI asitti argamuun barbaadamuu fi filatamuu magaalichaa guddiseera jedhaniiru.
Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa komaandar Silashii Sihiin fiigichi Humna Qilleensaa km 10 dorgommii Idil-Addunyaa ta’uu ibsaniiru.
Dorgommichaan biyyoota ollaa dabalatee Atileetonni idil-Addunyaa akka hirmaatan ibsuun, injifattoota dorgommichaaf birriin walakkaa miiliyoonaa qophaa’eera jedhaniiru.