Tamsaasa Kallatti:

Sanyiin midhaanii jiddu galicharraa argannu ongee fi ilbiisa damdamachuun oomisha fooyya’aa akka argannu nu taasiseera-Qonnaan bultoota aanaa Baambaasii

Sadaasa 2/2018(TOI)- Sanyiin midhaanii jiddu galeessa qorannoo qonnaa Asoosaarraa argannu ongee fi ilbiisa damdamachuun oomisha fooyya’aa akka argamsiisan qonnaan bultoonni aanaa Baambaasiiibsan.

Sanyiin Boqqoolloo "BH-520" (Nada) jiddu galichi qorannoon baasee oyiruu qonnaan bulaarratti beeksisuuf misoomse qonnaan bultootaa fi ogeeyyota qonnaan daawwatameera.

Qonnaan bultoonni daawwannaa kanarratti hirmaatan akka dubbatanitti, sanyiin midhaanii jiddu galeessi qorannoo qonnaa Asoosaa yeroo yeroon baasu oomisha guddisuuf akka isaan gargaare dubbataniiru.

Qonnaan bulaan jiraataa aanichaa ganda mandara 47 Hayiluu Bayyanaa fi Yeshiibirri Zagayyee sanyiin Boqqoolloo haaraa gandasaaniitti misoomaa jiru bokkaa fi ilbiisa damdamachuun oomisha fooyya’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan oomishasaa akka guddisu Jiddugalichi sanyii filatamaa yeroo yeroon baasu irraa fayyadamaa ta’aa dhufuusaa kaasaniiru.

Daawwannaan ammaa kun hojii jiddu galeessichi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluun fayyadama dinagdee isaanii guddisuuf hojjechaa jiruuf muuxannoo fudhachuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015