Tamsaasa Kallatti:

Tajaajila fayyaa Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan galmaa’aa jira- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Sadaasa 1/2018(TOI)-Tajajila fayyaa  lammiilee Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin  bu’aan galmaa’aa jiraachuu Pirezidant Taayyee Atsqasillaasee ibsan.

Ministeerri fayyaa  dhiheessii qorichaa fi dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa si’ataa taasisuuf appilikeeshinii bilbilaa ‘Xeeninnatee’ jedhu eebbisiiseera.

Dabalataanis sirna  bobbii  Ambuulaansii ‘lebeggoo’ jedhuuu fi odeffannoo fayyaa fi  tajaajila gorsaa  waamicha sarara  bilbila bilisaa 952 hojii eegalchiiseera.

Pirezidant FDRI Taayyee Atsqasillaasee wayita kana akka jedhanitti, dhukkuba ittisuuf   ammaan dura yaalanii fayyisuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamnuu ibsaniiru.

Tajaajila fayyaa lammiilee Ammayyeessuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aan galmessaa jiraachuu eeruun, guyyaa har’aa appililkeeshiniin ifoome  tajaajila fayyaa lammiilee  si’ataa, haqa qabeessaa fi qulqullinasaa eeggate argachuuf kan dandeessisu ta’uu   dubbataniiru.

Appilikeeshiniiwwan dandeettii ofiin hojjetaman sirna fayyaa kan deeggaran ta’uu kaasuun sirna fayyaarratti qooda mataasaanii akka gumaachan amantaa qaban ibsaniiru.

Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa gamasaaniin, damee  fayyaa dhaqqabamaa fi  si’ataa taasisuuf teekinooloojiin  murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Miniateerichi fayyaa  lammiilee fooyyessuuf  tarsiimoowwan adda addaa bocee  hojjechaa jirachuu dubbachuun,  appilikeeshiniiwwan guyyaa har’aa hojiirra oolan qaama kanaati jedhaniiru.

Appilikeeshiniin fayyumaa koo jedhu Yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin  hawaasni salphaatti akka  qoricha argatu yaadamee kan misoome ta’uu dubbataniiru.

Sirna Bobbii Ambuulaansii Lebeggoo jedhuu fi  bilbila bilisaa 952 giddugaleessaa  tajaajila fayyaa tasaaf qooda olaanaa akka qaban kaasaniiru.

Appilikeeshiniiwwan Guyyaa har’aa eebbifaman walii gala sirna fayyaa  kan ceessisan  ta’uu eeraniiru.

Sagantichaarratti pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee dabalatee, ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa,  kantiibaa  bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, bulchitoonni naannoolee, Itti Gaafatamtuu Pirees Sekretariyaatii  Waajjira  Ministira   Muummee  Billanee Siyyum  akkasumas, qondaaltonni olaanoo fi  keessummoonni waamichi taassifameefii argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015