Godina Gujiitti Ijaarsi Hidha Jallisii lafa hektaara 520 misoomsu hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujiitti Ijaarsi Hidha Jallisii lafa hektaara 520 misoomsu hojjetamaa jira
Sadaasa 1/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ijaarsi Hidha Jallisii lafa hektaara 520 misoomsu hojjetamaa jiraachuu waajjirri Jallisii fi Horsiisee bulaa godinichaa ibse.
Naannoon Oromiyaa bakkeewwan gammoojjiitti hongee fi sababoota isaan wal-qabataniin rakkoowwan mudatan itti fufinsaan dandamachuuf ijaarsi piroktoota jallisii xiqqaa fi gidduugaleessa gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Isaan keessaa kan Godina Gujii tokko yoo ta’u, Godinichatti waggoottan darban hidhawwan jallisii faayidaa adda addaa kennan ijaaramanii tajaajila kennaa jiraachuun ibsameera.
Ijaarsi hidha jallisii lafa hektaara 520 misoomsan hojjetamaa jiraachuu waajjirri jallisii fi horsiisee bulaa wayita kana beeksiseera.
Itti gaafatamaan waajjiricha Dr.Gadaa Shandoo ijaarsi hidhaa godinicha Aanaawwan Gammoojjiitti wabii nyaataa mirkaneessuuf kan gidduu galeeffatan ta’uu ibsaniiru.
Aanaalee godina Gujii 13 keessaa shan gammoojii bakka roobni itti xiqqaatuu fi beelladni hedduumminaan itti horsiifamanidha jedhaniiru.
Ijaarsi Hidhawwan jallisii hojjetamaa kan jiru Aanaawwan shan Boree, wadaraa, sababooruu fi Garjaatti Aanaawwan hanqinni roobaa jiran ta’uu kaasaniiru.
Hidhi jallisii kun yeroo xumuraman lafa hektaara 520 ol jallisii ammayyaan misoomsuuf gargaaran eeruun ijaarsichi giddugaleessaan dhibbantaa 50 hanga 92 ga’uu dubbataniiru.
Mootummaan Naannichaa Pirojektii Ijaarsa Hidha jallisiif baajata waliigalaa birrii miiliyoona 457 ol ramaduu ibsuun adeemsi ijaarsa pirojektoonni jallisii yeroo gabaabaa keesatti xumuruun tajaajilaaf geessisuuf duulli taassifamaa jira jedhaniiru.