Guyyichi obbolummaa fi hedduummina haala cimsuun ni kabajama - ENA Afaan Oromoo
Guyyichi obbolummaa fi hedduummina haala cimsuun ni kabajama
Sadaasa 1/2018(TOI)- Guyyaan sabaa,sab-lammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa baranaa obbolummaa fi hedduumina caalaatti haala cimsuun akka kabajamu manni marichi beeksise.
Guyyaan sabaa, ablammootaa fi uummattoota Itiyopophiyaa 20ffaan mata duree “Walii galtee Dimokiraatawaa Tokkummaa sab-daneesummaaf” jedhuun sadarkaa biyyoolessaatti Sadaasa 29 bara 2018 Qopheessummaa Naannoo Gidduugala Itiyoophiyaan ni kabajama.
Itti gaafatamaan waajjira Mana Maree Sab-lammootaa Naannichaa Tashoomaa Lamjaaboo TOI’f akka ibsanitti, guyyichi naannoolee hundatti akka kabajamuu fi sadarka naannootti magaalaa Saajaatti sadaasa 22 bara 2018 sagantaan guduunfaa ni jiraata.
Bu’uuruma Kanaan guyyicha sababeeffachuun har’aa eegalee guyyoota walitti fufaa 10’f Idileessuu Barsiisa Heera Mootummaa fi Federaalizimiirratti leenjiin sadarkaa sadarkaan akka kennamu eeraniiru.
Dabalataanis arjooma dhiigaa, harka qal’eeyyii deeggaruu fi ijoollee harka qal’eeyyiif meeshaalee barnootaa walitti qabuu dabalatee hojiiwwan tola ooltummaa biroon akka raawwataman eeraniiru.
Sadarkaa biyyoolessaatti immoo Magaalaa Walqixxeetti bazaarii fi simpooziyeemiin akka gaggeeffamu eeruun Sadaasa 29 bara 2018 Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu ibsaniiru.
Keessummoota ayyanicharratti hirmaataniif qophiiwwan tajaajila mijataa kenuu dandeessisan xumaramaa jiraachuus beeksisaniiru.
Guyyichi obbolummaa fi hedduummina caalaatti kan dagaagsudha jedhaniiru.
Guyyichi kabajamuun Tuurizimii Naannichaa, aadaa, misooma beeksisuu fi hojiiwwan misoomaa caalaatti raawwachuuf kaka’umsa guddaa uumuusaa kaasaniiru.