Tamsaasa Kallatti:

Ergamaa fi dirqama nuuf kenname ga’umsa olaanaan raawwachuuf qophoofneerra-loltoota eebbifamtoota ajaja bahaa

Sadaasa 01/2018 (TOI)- Ergamaa fi dirqama kennameef ga’umsa olaanaan raawwachuun birmadummaa biyyaafi nageenya ummataa kabachiisuuf qophaa’uusaanii loltoonni ittisaa  biyyaatti ajaja bahaa dubbatan.

Jiddu galli leenjii ajaja bahaa loltoota ajajichaa koorii garagaraa  leenjii gabbisa dandeettii leenji’an eebbisiisuunsaa niyaadatama.

Loltoonni eebbifamtoonni TOI waliin gaaffii fi deebii taasisan, ergamaa fi dirqamasaanii kutannoo olaanaan raawwachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru.

Kanneen keessaa loltuu Tamasgeen Baqqalaa biyyaa fi ummata koof jaajala guddaan qaba, kanaaf amanamumaa fi kutannoon tajaajiluun qooda koo nan baha jechuun ibseera.

Leenjii arganneen dandeettii cimaa arganneerra kan jedhu loltuu Tamasgeen, dirqama kennamu kamiyyuu amma aarsaa lubbuutti kaffaluuf kutataa fi qophii ta’uusaa beeksiseera.

Leenjii Kanaan ga’umsa qaamaa fi tooftaawwan loltummaa dabalatee barumsa saayinsii loltuu garagaraan dandeettiisaa kan cimsee fi leenjii dirqama kennamu ga’umsaan bahachuuf dandeesisu argachuu isaa kan dubbate ammoo loltuu Kaasaayee Tigistuudha.

Keessumaa baandaawwan nagaa fi tasgabbii biyyaa fi ummataa boressan, finxaaleyyii fi ergamtoota dhabamsiisuuf qophii ta’uu dubbateera.

Leenjichaan  dandeettii fi Xin-sammuun  akkasumas tooftaa loltummaa Ammayyaa’aa  sirnaan arganneerra kan jedhemmoo loltuu  Oliyaada Baqqalaati.

Gootummaa Abbootii keenyarraa dhaalle gonfachuun nageenyaa fi  birmadummaa Itiyoophiyaa hanga Aarsaa lubbuutti kaffaluun dirqama koo bahuuf qophaa’eera jechuun ibseera.

Leenjiftoota giddu-galichaa keessaa  Itti Aanaa Ajajaa Dhibbaa Jireenyaa Geetahuun gamasaaniin, loltoonni kun aggaammiiwwan Itiyoophiyaa fi ummatasheerratti  aggaamaman kamiyyuu qolachuuf gahumsa agachuu isaanii dubbataniiru.

Yeroo fi haala kamiyyuu keesatti dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaa cimaa fi  cichooma kaayyoon raawwachuuf kutannoo Qabaachuu  Itti Aanaan Ajajaa dhibbaa Jireenyaan kan mirkaneessan.

Itti Aanaan Ajaja, Ajaja  Bahaa  Mejer Jeneraal  Fiqaaduu Tsaggaayee, leenjitootni  miseensota raayyaa  yeroo fi bakka kamittuu dirqama itti kennamu deebii gitu kennuuf  kandandeessisu qophii fi ejjennoo guutuu  kan gabbifatan ta’uu  yeroo eebbaa  mirkaneessaniiru.

Miseensonni raayyaas dandeettii  gidduugalichatti argatan  fayyadamun  ergama Heera Mootummaa fi Dhaabbatummaa gootummaan gonfachuunii fi amala uummattummaa uffachuun  bahuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015