Tamsaasa Kallatti:

Yaa’ii imaammata lafaa Ardii Afriikaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu

Sadaasa 1/2018 (TOI)-Konfaransiin imaammata lafaa Afriikaa jahaffaan har’aa eegalee Finfinneetti nitaa’ama.

Konfaransiin kun mata duree “bulchiinsa lafaa, haqnii fi kiisiin Afriikaanotaa fi hidda Afriikaanotaaf” jedhuun gaggeeffama.

Konfiransii kana gamtaa Afriikaa, baankii misooma Afriikaa fi komishinii dinagdee Afriikaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitu(ECA) tu waliin qopheesse.

Muuxannoowwan gaggaariin imaammata lafaa hawaasummaa, dinagdee fi seena qabeesa akka sumas dhimmoota naannawaan wal siman haqa lafarratti mul’atuuf deebii kennan konfaransicharratti ni dhihaatu.


 

Sirna bulchiinsa lafaa bu’a qabeessaa fi itti gaafatamummaa qabu ijaaruu, dandeettii dhaabbatummaa uumuu fi to’annoo fi hordoffii cimsuun haala danda’amurratti mariin akka gaggeeffamodeeffannoon TOI’n gamtaa Afriikaarraa argate ni mul’isa.

Gabrummaa, gochi bara koloneeffataa lafa abbaa qabu fudhachuu fi sababa sanyummaatiin lafa argachuurraa dhorkamuu mirgoota lafaa Afriikaanotaa fi hiddsa Afriikaanotaa, dhiibbaa itti fayyadama qabeenyaa fi walqixxummaarratti geessise irratti hubannoo waloo uumuun rakkoo jiru furuun haala danda’amurratti mariin ni gaggeeffama.

Kayyoon konfaransii kanaa inni biraan mariiwwan kanneen akka bulchiinsa lafaa, haqaa fi kiisii cimsuu fi deebiiwwan imaammatarratti xiyyeeffatan kennuudha.


 

Walqixxummaan sirna saalaa, jijjiirama haala qilleensaa fi teeknooloojiiwwan imaammata fi bulchiinsa lafaa waliin walitti hidhuun xiyyeeffannoo argateera.

Dhimmoota Imaammoota lafaa, haqa lafaa, haqa kiisii fi abbummaa lafaa ilaallatan irratti yaadonni imaammataa, seeraa fi dhaabbatummaa ni dhihaatu jedhameetu eegama.

Biyyoonni miseensa gamtaa Afriikaa, hoggantoonni olaanoo dhaabbilee fi gurmaa’inoonni gamtichaa, qorattoonni, ogeeyyonni imaammataa, gaggeessitoonni hawaasaa, dhalattoonni Afriikaa fi qooda fudhattoonni biroon konfaransii Ardii kanarratti ni hirmaatu.

Konfaransiin kun amma Sadaasa 5 bara 2018tti ni tura.

Konfaransiin imaammata lafaa Afriikaa waggaa lama-lamaan gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015